Guyyaa tokko namicha tokkotu hedduu dhukkubsatee gara hospitaalaa baatamee geeffame. Namichi kun siree irraa ka’ee deemuu hin danda’u ture. Kutaa hospitaalaa akka inni keessa ciisuuf kennameef keessas dhukkubsataa kan biraa gara foddaatti aanee jirutu ture. Akkuma walitti hiriyoomaa deemaniin, dhukkubsataan karaa foddaa jiru sun gara alaa ilaalee sa’atii hedduuf waan gara alaatti argamu sirriitti ibsaaf ture. Yeroo tokko tokko bareedina mukeen hospitaalicha keessa jiraniifi haala baalli mukeenii sun qilleensaan socho’anii bareedina hospitaalichaaf kennan itti hima. Yeroo kan biroo immoo namoota hospitaalicha keessa asiif achi daandii irra deeman ilaaluun haala sochii isaanii tokko tokkoon hiriyaa isaaf ibsee bashannansiisa ture. Tahus akkuma guyyaan deemaa deemeen namichi ciisu sun waan hundumaa dhukkubsataan karaa foddaa jiru itti himu sana ofii isaaf arguu dadhabuu isaaf hinaaffaa keessa galaa dhufe. Hamma namicha isa bashannansiisu sana jibbuuttis gahe.  

Halkan tokko dhukkubsataan gara foddaa jiru qufaa yeroo muraasaan booda harganuu dhaabe. Namichi isa biraa, hiriyaa isaa, sunis ogeessa fayyaa illee iyyee waamuufii dhiisee callisee ilaale. Homaa hin goone. 

Ganama isaa dhukkubsataan ala ilaalee hiriyaa isaa waan hedduun gammachiisaa ture sun boqotee hospitaala keessaa reeffi isaa bahe. Namichi hafe sunis sireen isaa akka gara foddaa jalaatti darbuuf ariitiin yerosuma hojjetaa hospitaalichaa tokko gaafate. Siree isaas achitti dabarsaniif. Garuu akkuma karaa foddaa ilaaluu eegaleen waan arge amanuu dadhabe. Karaa foddaa sanaa waan mul’atu girgiddaa caccabaa qofa ture. Hiriyaan isaa boqote kan itti himaa ture hunda sammuu isaa keessatti uumee isa bashannansiisuufi addunyaa innni keessa jiraatu xiqqooma isheellee bareechuufiif yaadee ture. Maal irraa baranna?

  Yeroo baay’ee rakkoo keessa jirru osoo hin taane ilaalcha keenyatu nu miidha. Yeroo haala ulfaataa keessa jirrus kallattii ilaalcha keenyaa jijjiiruu qabna. “Rakkoo kana furuuf daandiin kun ni filatamaa?” jennees of gaafachuu dha. Ilaalchi gaarii fi hinaaffaa irraa bilisa tahe gaabbii hin qabu. Namoota armaan olii lamaanis yoo ilaaltan rakkoo wal fakkaatu keessa taa’anii akkaataan ilaalcha isaanii faallaa ture. Inni tokko ilaalcha gaarii fi jaalalaan guute yoo qabaatu, inni biraan immoo ilaalcha ofittummaa fi hinaaffaa baata. Rakkinni inni guddaan rakkina nuti qabnu osoo hin taane, ilaalcha nuti rakkina sana keessa teenyee qabaannuudha. Ilaalchakee eeggadhu!