Kutaa Lammaffaa 

Boquukoo yoon olqabadhu cinakoo hin jirtu. Gaabbiinan mataakoo ofirraa cire; afuuratu na hanqate muddamnikoo kan duraa caale! maal abjudhaa? jedheen of gaafadhe garuu wantichi miti. Imaltonni taaksii sana keessa turan hunduu kanfuuldura taa'es kan duubas garumakoo ilaalu. "Feestala siif keennu?" nan jedhe, gargaaraan konkolatichaa muddamakoo hubatee ta'uu hin hafu. Anis ol jedhee isa ilaaleen, ati maal balleesite aadaa saba Xoophiyaa maraati, guyyaa mataan si dhukkube marfee tafatti si cabsanii, yoo garaan si ciniinemmoo bunni siif haa danfu jechuun jedheen callise.

Imaaltonni hunduu afaan qabatan; kan natti cininaterree hin dhibu. Eenyu inni jettaa laata tarii? mooji abbasaa isa hojiin isaa akkasiiti. Muddamakoo kanaan bakkan deemuyyuu dagadhee metira dhibbaa ol darbee yoon of baru qaata Amboo keessaa baanee Magaalaa Meexxiitti dhihaneerra. Naasuun na buusi ! na buusin! jedhe; konkolachisaan sun garuu, caalliseema konkolachisa. Dubartiin tokko afaan abaramaa sanaan, "Waraj ale," jete namni bu'u jira akkawaan jechuu sanaati osoo isheen dubbattee afaan ishee keessaa hin xumuriin konkolataan qax jennaan dhaabbate!

Sagantaan xumuruu dide, ani bahuuf muddame, intallis hin baatu. Keessikoo ammayyuu wal mormii gurguddaa lamarra jira; inni calqabaa dubbisi dhistee hin galiinidha; inni lammataa ammoo dhiisi bareeddun kun siif hin maltu jedha. Kuns, 'ILAALCHADHA!' Sa'aatii harka kiyyaan ilaale, kudhaniifi walakkaa jedha. Bilbila

harkakorras ilaallan akkanuma. Amanuun natti ulfaate hiriyyaakoo gafaanaan natti seeqe. Naan rifadhe! ergii sagantaaf gadi teenyee waan waggaa lakkofsifne natti fakkatullee miirakoo hiriyyaakoo sana dhookfachuufan obsee taa‟e. Akkuma sagantaa irraa baaneen kitaabakoo Qr. giphii keessa na jirtuun bitadhee deebi'e mana gale. Ta'ii narratti raawwate hundasaa kitaabicha keessattan arge. “Kun daawwitiimoo kitaabadhan?” jedhe. Mucittiis dubbisuuf ofin murteesse. Amma egaa Waqayyoomti natti haa fidu malee naannoo isheen jiraattus bareera magalaa Amboo ganda HoraAyetuu jedhamee waamamu jiraatti. Miilana arginaan gadi hin lakkisu. „ILAALCHA DHALOOTAA' kitaaba xinsammuu ani bittadhe sanatu ofkuttuu ilma Adam Saadoo na taasise! 

Guyyaan isaa Kamisa, gabaa guddaatu magaalaa Amboo jira.Maatinkoo gaaba deemaniiru. Namni manatti hafe tokkollee hin turre. Ani bakkan galgala bulleyyuu boquu ol qabadhee laaqana hin nyaanne.Achuma ciiseen…

Konkoneekoo barreddukoo

Gabaabdittii yaa kurkumee

              Akkam ta'e sitti himadhu

 Laphen kiyyaa na dhukubee

Gad cisnaan abjuun kankee

               Jireenyako na guggubee

Sinboo kiyya yaa bareedduu

  Dheertu kiyya yaa leemmanee

Si argachuf hunda dhabeen

Jiruun kiyya na jeeqamee

Ati silaa hundaaf seeqxa

Argaan oola ilkaan kaankee

Ati silaa hundaa beekta

Na guggube inaafankee

Si mili'aadhun hurgufama

Akka calii jirbii fo'uu

Mirrooniiko si argachuuf

Gadoo kankef sumaaf boo'uu 

Jechaa boo'een boraatikoofi firaashiikotti hiimachaa osoon jiruu gidduutti balballi keenya darbatamee baname, uutalchaan yoon ka'u abbaakooti. "Hanga yoonaa raaftaa? aniifi harmeenkee siin barsiisuf barii sinbira dura kaanee akka maraataa kaanna," jedhee natti dheekkame. Al-tokko abbaa kiyyaan ilaale. Yaadni isaa sirriidha. Maalimmoon balleesseree anas jaalalatu na dirqe, „garaan hiyyeessa hin qabdu‟ jedhu

mitiree ! Abbaakoo achumatti dhiisee utaalee yoon bahu intalli qofaa ishee hancaqee alalfaachaa daandii qal'oo karra keenya jala dabartu irratti natti dhufte. Maal abbaashee har'ahoo duran goradhe. Osoo afaankoo hin dubbatiin miirakootu dursee gaaffikoo dhiheesseef. Dafqi funyaan irraan xab, xab na jechaa jira; intallis waa injifatamuu hin haftu akkuma na ilaltetti goggogdee hafte. Suuta harkashen qabe natti siqxe; mudhiisheen qabadhe, harka ishee lamaan gatettiikorra keessee jununfatte. Ittaan siqe, funyaan keenya wal tuuqeera hidhiin keenya wal tuquuf sentimeetara kudhan hin caalletu hafa.

  Kutaa sadaffaan itti fuufa….

             BARREESSAAN WALQIXXEE INDAALEE GUUTTATAA.