Dhugaa Maaliidha?


Namootni hedduun yeroo isaan ”ani dhugaafan jiraadha; ani dhugaafan du’a; ani dhugaafan duula; ani dhugaafan falma ; ani dhugaa arguun fedha fa’a” jedhan dhaga’uun waanuma barameedha. Haalli kun ammoo namoonni dhugaaf bakka guddaa akka qaban namatti mul’isa. Kanaafuu dhugaan namoota biratti hedduu qaalii ta’uu isaati. waanti qaaliin ammoo hanga barbaadamuun hin argamu. Qaalii ta’uun isaatuu sababuma hanga barbaamuun argamuu dhabeefidha.

Gama biraan dhugaan qaalii ta’uunsababa sobni namoota gidduutti heddummateef ta’uu mul’isa. Kanaafuu dheebuun dhugaa kun namoota waan miidhe fakkaatee mul’ataa jira. Maarree namuu dheebuu dhugaa kana dharraa ba’uuf jecha yeroo isaan hanga lubbuu dhabuutti dhugaa arguuf iyyaafatan argaa-dhageettiin woyii gurra nu lixuu hin ooltu. Maarree egaa anis ta’u atis gatii dhugaa kana Falmii Dhugaa tilmaamuu ni dandeenya. Eeyyen dhuguma! Dhugaadha! Dhugaan namootaaf qaaliidha! Jechuu qofa osoo hin taane dhugaa sirrii ta’uu isaa ammoo mirkaneessuun dirqama jedheen amana.

Ati hoo? Egaa dhugaan huqqatus furdatus yeroo hunda dhugaa ta’ee kan jiraatu ta’us, kan nama gaddisiisu garuu waanti dhugaadha jedhamee namoota gidduutti beekamaa jiru hundi dhugaa ta’uu dhabuu isaati. Eeyyen,dhugaan namootaaf qaaliidha jenneerra.Namootni dhugaa dheebotan dhugaa argachuu qabus jenne. Haa ta’uu garuu dhugaan namootni dharraa ba’uuf dheebotankun dhugaa akkamiiti? ‘dhugaa ‘ innumti jedhamu kun maali? Gaaffileee jedhan deebisuun, marii barruu kana keessatti taasifamu hunda hubachuuf daran nu gargaara. Kanaafuu waa’ee”dhugaa” dhugaa jiru hubachuu irraa yoo eegalle woyya! Maarree nutis achumaan dhugaa hubachuu eegalla!Egaa haala qabatamaa yeroo ammaa irraa ka’uun dhugaa namootni “ kun dhugaadha” jedhan dhugaa isa kamiin akka ta’e kanneen armaan gadiikeessatti madaaluu haa yaallu. Isaanis:-

1)Dhugaa uumamaa fi

2) Dhugaa walii galteeti

Dhugaa uumamaa( dhugaa sirrii) kan jedhamu yoo waantotni dubbataman yeroo hunda dhugaa ta’an qofa. Kun kan ibsu waanti tokko soba ykn dhugaa sababa jedhameef osoo hin taane dhugaa ta’uun isaaa kan mirkanaa’u yoo ta’e qofadha. Gama biraan, waantotni warqee fakkaatan yoo jiraatanis sibiilli warqee yeroo mara warqeema. Jechuun Sibiilotni biroon warqee fakkaatanis, warqee ta’uu hin danda’an jechuudha. Garuu maqaan warqee tarii warqee fa’a jedhamee moggaafamuu mala. Kun ammoo moggaasa maqaa malee maalummaa kan ibsu miti. Maqaa jijjiiruun sibiilicha jijjiiruu matumaa hindanda’u. Kanaafuu sibiilichi yeroo mara sibiilichuma. Yeroo hunda

warqeen warquma jechuu kooti. Dabalataan sanyii namaaf kan mucaa ulfaa’ee dhalu ykn dahu dhalaadha. Kanaafuu, dhiirri ni ulfeessa malee hin ulfaa’u, ni dhalcha malees hin dhalu. Dhugaa sirrii ykn Dhugaa uumamaa inni jennus kanuma. Osoo sangaan lakkuu dhale siin jedhanii, silaa soba ta’uu isaa tilmaamuun sin dhibu jechudha. Mitiiree? Egaa kun dhugaa uumamaati. Waanti dhugaa jedhamu kan biroon ammoo Dhugaa namtolchee ykn walii galtee namootaan uumamaniiti. Isaan kun uumamaan argaman osoo hintaane, dhugaa namtolchee ykn walii galtee namootaan tolfamaniidha. Dhugaa kanas gosa garaa garaatti qoodnee akka armaan gadiitti ilaaluu dandeenya:-

Dhugaa Saayinsii:- Fknf: 1+2=3. Idaa’amni lakkoofsa kanaa dhugaa dha. Kunis sababa walii galtee ta’eefidha. Osoo jalqaba tartiIbni lakkoofsaa 1,3,2,4 jedhamee akka lakka’amu itti galameera ta’ee silaa ta’ee, silaa 1+2=3. Soba, 1+3=2 ammoo dhugaa ta’a ture.

Dhugaa amantaa:- Fknf Waaqni nama uume jedhu. Haala kanaan Kiristaaanaa fi Isilaamni waaqni jalqaba Addaam/Aadam fi Hewaan/Hawwaa uume jedhu. Kanas waaqni Addaamiin dhoqee irraa uume jedhanii amanu.Hewaniin ammoo lafeee cinaacha Addaam keessaa fuudhee uume jedhu. Kun isaaniif dhugaadha. Gama amantaa Waaqeffannaa Oromootiin ammoo waaqni jalqaba bishaan irraa nama uumeetu, bakka lamatti gargar mure. Inni mirgatti kufe Horaa, isheen bitatti kuftemmoo Hortuu jedhaman jedhaniitu amanu. Kunis amantaa waaqeffannaa Oromoof dhugaadha.

Walii galtee namoota dhuunfaafi garee:- fknf gareen siyaasaa tokko seera/heera mataa isaa baafatee kan ittiin bulu yoo ta’e. Murtiin seeraa kamuu dhugaa seera baafamee sanaan ilaalamee murama. Jaalallee lama gidduuttis waadaan seenan akkaataa walii galtee isaaniitiin xumurri isaa dhugaa ta’uu fi dhiisuun isaa murteeffama.