Osooma akkanaan wal sukkuumaa jirruu sagalee, "Dhaaphu!" jedhuun dhagahee; naasunaan mil'adhe namoota lamatu fuldura keenya dhaabbatee jira; naan nahe; garuu, ittan deeme. Amartiinkoo, "Wayyoo Kennaako," jechaa akkan jaratti hin deemneef na kadhatte; takkaa qofa darbadhee bira darbe, osoon faana tokko hin tarkanfatiin akkaa moyyee na gangalchanii, akka kubbaa miillaatti na dhidhiituu eegalan. Bakkuma sana ciisee boquukoo suuta ol qabadhee yoon ilaalu dhiigni Ammartikoorra ammo akka Burqaa Gannaa mirgisee yaa'aa jira. Amanuun na rakkise; namni wal jaallate murtee akka kanaa fudhachuu qabaa? jedheen of gaafadhe. Turtii daqiiqaa muraasaa qofaan awwaara sana keessatti of arge; xiqqo of baree yoon ilaalu Hospitaala waliigalaa Amboo jirra; nahee maal Uumako hin maraanne mitii garuu? jedheen of gaafadhe. “Ati hin maranne; warra maraatetu,” jettee calliste. Sagalenshee kiilolee tokko kan Amartiikoo fakkaata, lapheekoo naaf qabdee natti jette. Mataashee shaashii gurraachaan hidhattee jirti ol jedhen ilaale Amartimakoodha; maal koodeko keyyeeta yakkaa meeqarratti wal jaallachuun murtee du'a lubbuu nama addabsiisa jedhee barreefameera? jedheen gaafadhe. "Lakkii Kennaako murtee kana guyyaan , Balehoo karaan balehoo Wayyaane addaan baanehoo Afuuftu addaan baanehoo Yaa gantu addaan baanehoo jedhee sirben fudhadhe" naan jette. Akkamitti Amboo lafa gootaa, ollaa Torban Kuttayee; Biyyaa Alamuu Qixxeessaa ,Obbollaa Jaagamaa Badhaanee; hiriyyoota Calchisaafi Haacaaluu Hundeensaa qixxa lamaan dhaabbattee sirbite malee Abbaayi gama dhabbattee hin sirbine yoon jedhu. Natti kolfitee, "Waan siif hin gallee jira koodeeko,” jette. Garaankoo na tarsa'e; maal? jedheen gaafadhe , "Elaamee," jettee caliste sekoondii isheen itti naaf fuftu eegaan jira, "Haacaaluun " jettee calliste, itti fuftee dubbachuu hin dandeenye. Ija ishee lamaan keessayyuu imimmaan akka aannan mucha goromsaa keessaa daddarbatamuutti keessaa daddarbatamaa jira. Ani ammallee gurra qeensee dhageefachaan jira; ittuma fuuftee,"Haacaalun addaggeen safuu hin beektu addarra dhaaban malee," jedhee kan geerare gooroo Abeebe Tufaa wirtuu Maccaafi Tuulamaa , hidda keenya ganamaa FINFINNEE qixxa lamaan dhabbatee geerare malee Gojjaam yookaan Maqalee dhaabbatee hin geerarre; garuu,murtee du'a lubbuu guyyaa sana fudhate. Atimmoo, “Amboo dhaabbattee sirbite” jeette? ishee Haaceen, "Yaa jabbilootakoo, jabbiloota Odaa jalaa kan nama nyaatu nu kessa jira,” jedhes hin dagattiinkaa!" jettee imimmaan lakkuu harcaaste. Dhiisi jedheen maddii maddii ishee lamaan irraa imimmaan haxaa'uu eegale.Osoo kanaan jirruu abbaan Amartii utalchaan kutaa yaalii arifachiisaa duruu cufaa hin qabne sana utaalee seene. Garaankoo iddoo lamatti hirame, wanti lubbuu qabu tokko mataakoo iddo hodhame keessa deeme. Obbolleessishee Harmeenshee osoo hin hafiin wal guuraanii dhufan. Jechoonni isaan ittiin na arrabsan hunduu kan hiyyuummaakoo qeequ qofaadha. Kanan sodaadhe hin hafne sagaleen isaanii kutaa ani keessa ciisee jiru sana goole. Sammuunkoo boqonnaa dhabnaan bakkuma sana ciiseen immimmankoo akka Rooba Gannaatti harcaasaa akkanan jedhe, SIN YAKKINE Gaafa gaafi na dhukkuba Beekee waansaa hinhimadhu Gaaf gaafi na gugguba Yoon hafuura baafadhu Osoon Daamaa hin takaaliin Bulloo maafan leenjisee Harmeenkoos nan abaarre Abbaankos na eebbise Osoon sin argiin ooluuf Manniikee silaa ollaa Dhooksinee wal jaallana Maatii keenyammoo hinsobna Abbankee yoo na argu Akka qeerransaa harqa Harmeenkees na mil'chuuf Ijakoo jibbu argaa Dallaa keesaaniin demaan Akka joobiraan marsa Obboleesiikees silaa Na argu na arbsa Yoo gaangoo leenjisani Jilba maaliif sakaalu Yoo arga na jibbanis Jibba maalif fandaalu Anoo sin jaaldhe malee Waan biraa sin yakkine Hidhikee xuxxoon addas Kan biraakee hin argine !! Tole Egaa... Abbaankee yoo na argu Ijji maaliif dhukkuba ? Inaaffaa keenyaaf jecha Harmeen dhabuun hirriba ! Obbolesikee anaan Nyaapha maaliif godhate? Halalarraa na argu Daandii gatee baqate! Orma maaltu dhiphise Naaf sitoo wal jaallate !! Kanuma qofaan yaadadha achii booda waanta raawate tokkollee hin yaadadhu, mana keenyattan of arge, garuu akka duriikoo osoon taa'ee taphadhuu of hin argine. Harkakoofi miillakoo lamaan irra cancalatujira; uffanni qaamarra nan jiru. “Wayyoo dhuguma amma nan maraadhee?” jedheen boo'a. Manuma abbaakoo keessattan cancalaan hidhame! maaliif na hiitu anoo hin maraanne? jedheen kadhaachuu eegale garuu nan dhagahan garaa natti jabaatan. Erga guyyaa sanaa manaa hin ba'u Amartiikos mil'adhee hin beeku. Carraan ishee akkam ta'a laata? jechuun offan gaafadha. Maatiinkoo harka qal'eeyyiidha. Abbaankoo mooraa Yunversiitii Amboo keessaa biqiltuu bishaan obaasuun nu jiraachisa. Harmeenko ammo hodhaa hodhuun gurgurtee wan nyaatamu nuuf bitaa nu guddifti. Maatiinkoo hunduu ganamaan ka'anii bakka, bakka hojii isaanii deemaniiru obboloonnikoo: Dinaa‟ol, Olaanaa, Kumaa, Mo'aa, hunduu bakkee hojii idilee isanii hojii guyyaa bakkee kophee qulqulleessaniifi ba'aa baatan deemaniiru; obbollettikoo ishee xiqqoo Leellisee qofaatu na eeguuf na biratti hafe. Sagalee laafifadheen, Leelloon jedhe; na jalaa calliste maraataa jalaa maaf qabu silas ! irra deddeebiseen Leelloo maaloo nan beela'e jedheen kadhachuun eegale, jechoota filee qindeessee ittiin injiifachuuf tarreessee toora galchee kadhachuukoo ittan fufe injifatamuu hin haftu, dhuftee fuldurakoo dhaabbattee, "Mal barbaadde ?" jettee na ifatte. Wayyoo maraatuun inuma ifatamti duruu way carraa ofii kanaa , " Nan beela'ee Lellooko" jedheen kadhadhe. Garaa laafuu hin haftu , "Harmeen haa dhuftu hodhashee gurgurattee waan nyaatamu homtuu gundoorra hin jiru," nan jette. Amma miira ishee jijjiiraa dhufusheetti gammadee ijashee keessa ilaalaa Leelloko atumti cancala harkakoorra kana naf hiiki malee anuu nyaata bareeddu ishee qopheessee waliin nyaannan, jedheen. Isheenis beela‟uu hin haftu eessaa fiddee qopheesita osoo naan hin jedhiin, "Tole," jettee dhagaan cancala harkikoo ittiin hidhaamee ture naaf reebutti kaate. Cituu dide, itti ulfaate, ittuma cimtee naf kutte. Uffee nan boqodhe. Ammamoo ofiikoo kan miillikoo ittin hidhamee jiru, cancala dhagaan reebuuttan eegale, nan kutadhe; utaalchan karra ba 'een fiiguu eegale garagalee offirra ilaallaan Leelloon iyyaa, “Qabaa ! qabaa ! naaf qabaa uu uu uu..” jechaa na waliin fiigaa jirti. Karra Amartiikofaa dura yoon gahu namoonni lama uffata gaddaa uffatanii natti dhufan; lapheen na tarsa'e; nan nahe; na ilaala hidhii xuuxu. Biruma darbeen utalchaan Qe'ee Amartiifaa yoon seenu, Harmeen Amartii uffata gaddaa irrafi jalaan ufataaniiru. Mataa isanii shaashii gaddaan hagugatanii; mudhii jabeessanii hidhataniiru, "Wayyoo wayyoo kichuuko, wayyoo guddiseeko, wayyoo Amrtiikoo, " jechaa natti deeman, wan jechaa miti waan gochaatu na duraa bade. Namooni dunkaana gaddaa keessa turan hunduu gadi yaa'anii akkuma kanniisa adeemaan (goondaan) gaaguratti nam'eetti hursanii iyyuu eegalan. Akka nama cabbiin qaama isaa irratti gadi naqameetti nan hadoode, akkuman afaan banettin hafe. kutaa afraffaan itti fuufa…. BARREESSAAN WALQIXXEE INDAALEE GUUTTATAA.