Jeneraal Waaqoo Guutuu
Jeneral Waaqoo Guutuu abbaa isanii Guutuu Usuu fi haadha isaanii aadde Qullo Alii Hasan irraa akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 1924 tti aanaa Madda Walaabuu lafa Odaa jedhamtutti dhalatan. Gen. Waaqoo Guutuu warra guddaa ilmaan hedduu qaban irraa dhalatan. Abbaan isaanii Guutuun dhiira 10 fidubartii 9 wolumaa galatti ilmaan19 horan.Generaal Waaqoo Guutuu dubartii 7 irraa ijoollee 49 ka argatan yoo ta'u,kana keessaa 15 lubbuun hinjiran. Gen. Waaqoo Guutuu ilmaan34 haawwota wajjiin uf duubattidhiisan.Generaal Waaqoo Guutuu Usuu akka Aadaa naannawaatti horii, gaala kkf horachuun, gaagura hidhachuun sirna kaayoo Oromo guututti qooda keessatti qabaataa guddatan. Generaal Waaqoo Guutuu Usuu akka lafaa dhufaa yarootti qondaala biyyi herregatu fi abdatu ta'uu isaanii ijoolummaan argisiisaa guddatan.
Generaal Waaqo Guutuu daa'imummaa isaanii irraa jalqabanii nama irree qabu, nama xiiqii fi jibbansa diinaa qabu turan. Ganna 14'tti osoo abbaan isaanii hin beeyne horii gurguranii qawwee jalqabaa bitatan. Bara dargagummaa isaanii ummanni diina jala akka hin deemne gorsuuf ijoollee gurmeessuun poolisa mootummaa tumuu turan.Akkuma guddataa deemaniin jibinsi diinaaf qaban itti guddataa dhufuun baalabbaatummaa naannoo isaanii harkaa qabaataa kan turanobboleessa isaanii ka hangafaa Camarrii Guutuu Amaara biyyarraa dhoorguu hin dandeenne jechuudhaan itti qoxxisuun baalabatummaa irreenirraa fudhatan.
0 Comments
Post a Comment