kun Mootummaa Hayla Sillaasee irrattibadii guddaa qabaachuu isaa Hayla Sillaaseen waan hubateef bifa kanaan dhiheessuun isaa ardha Oromoota hundaa biratti hubatamee jira.Gen.Waaqoo Guutuu goota gidiraa mootummaa Hayle Silaaseetiin cabsuun dadhabame. Hayla Sillaaseen huumna waraanaatiin cabsuu dadhabnaan tooftaa karaa biraatiin eegale.Mootummaa Tanzania (President Nerere) gargaarsifatee diina isaa kan yaroo dheeraa (Somaalee) waliin araarame. Akeekni araara kanaa gargaarsa SomaaleenGen. Waaqoo Guutuuf gootu dhabsiisuu fi Gen. Waaqoon irratti dhiibbaa godhuu ture. Kana duwwaa otuu hinta'in:"Waaqoo, yoo ati hidhannoo hiikkachuu didde ummata kee xayyaaraan barbadeessina"jedhee ummatatti dhaadate.

 Kanahundaan erga yaalee dadhabee booda,Gurrandhala 1970 Oromoota Mootummaa Hayla Sillaasee keessatti hirmaatan kan akka Gen. Jaagamaa Keelloo fi kkf.meeshaa godhachuudhaan maqaa araaraatiin itti dhihaataniiyaroof toohannaa ija ofii jala galfatan.Gen. Waaqoo Guutuu goota goota caalu ta'uu isaanii jechootaa fi deebiin isaan haala kanaan booda gaaffii Hayla Sileesseetiif deebisan ragaa baha.Galiinsa kanarratti jechi Finfinnetti jedhame : "Sodaanne hingallee,qawwee dhabnee hingallee … isin (Oromo hafe) dabalachuu gallee" Gen. Waaqoo GuutuuDhuguma, Generaal Waaqoo Guutuu Hayla Sillaasee sodatanii hin-galle. 

Fakkeennaaf, gaafuma galanii Hayla Sillaaseen wal argan,yoo namni martuu, haga GeneraalJaagamaa Keelloon bahutti miila Hayla sillaasee jalatti kufee lafa dhungataa bakka ciisuu Generaal Waaqo'llee akkuma jaraa"mootichaaf" akka gadi jedhan hucuu (uffata) isaanii qabatanii ufitti gadi harkisan, General Waaqoo goota mataa gadi qabachuu didanii, ofiin boonaa, qoma isaanii dhiibanii Hayla Sillaasee uf jalatti gadi laalaa gaaffii Hayla Sillaaseen isaan gaafateef deebii kennaa turan :Hayla Sillaasee : Waaqo, maal rakkattee biyya alagaa deemtee mana keetitti ibidda qabde?Gen. Waaqo : Janooy, isin maal rakkattanii, Arsii woraanaa fi billawa irraa guuraaqalaa fixaa jettanii ajajjan?Hayla Sillaasee : Ani hin-ajajne. 

Kanaaf ragaa qabdaa? Gen. Waaqo : Ragaan ani isinitti lakkaahu Amaara malee hinjiru. Ragaan kiyya Dubbaa Diimaa (Dubbaa Diimaa bulchaa woradaature).Hayla Silaaseen waan ofii hojjate otuu beekuu deebiin Gen. Waaqoo waan faallaa itti taateef dubbii milquuf yaala isaa akanattiitti fufe:Hayla Sillaasee : Dubbaa Diimaa, eenutu si ajaje ?Dubbaa Diimaa : Tafarraa Mashaashaattu na ajaje.Hayla Sillaassee : Tafarraa, eenutusi ajaje?Tafarraa : Indalkachoo'tu na ajaje.Erga Gen. Waaqoo Guutuu Dalloo Manaatti galanii booda, Hayla Silaaseen Dallo deemee ture. Gen. Waaqoon irraa simannaa takkallee hin-arganne. Deebiin Gen.

 Waaqoo Hayla Sillaasseef deebisan, biyya tiyyarratti Abbaan biyyaa ana jedhanii ofiin boonaa dubbachuu Generaal Waaqoo ragaa baya : Hayla Sillaasee : Waaqo maaliif dhuftee nn hinlaalin?Gen. Waaqo : Ani Mootii Dallooti. Ati mootii Shawaati(Amaara ati). Situ mana kiyyatti dhufe. Ati maana hinlaalle?Finqilli lola Baalee (1963-1974) ka Gen. Waaqoo hoogganan kufaatiiMootummaa Hayla Sillaasee ka bara 1974'f sababaa guddaa taye. Lolli Kutaa Baalee keessatti godhamaa ture kun Oromiyaa guutuu keessatti qotee bulaa, Barattoota, leenjitoota waraanaa fi ogeeyyii adda addaa hamilee kakaasee Qabsoo Bilisummaa Oromiyaa keessatti bifa hedduunakka hirmaatan taasise.Qoonni Gen. Waaqoo Guutuu kana qofatti hindhaabanne. 

Gen. Waaqoon, Mootummaa Dargii (Mengistuu Hayla Maariyam) fudhachuu diduun, bara 1976, yaroo lammataatiif Somaaletti deebi'uun akka waraanni haarayatti ijaaramu tattaaffi godhan. Sochooni yaroo kanaa nama kumaan hidhate akka biyyaseenu godhe.Seenaan lola kanaa LOLA SOWRA BOODAA jedhamee beekkama. Barri kun, bara Mootummaan Said Barree humna godhate agendaa Somalia guddittii ( greater Somalia) ijaaruu ka jedhu waan tayeef, Generaal Waaqoo Guutuu Adda Somale Abboo jedhamu jalatti akka hogganaman gafataman. Generaal Waaqoo Guutuu Adda Somale Abbo jedhu jalatti hin hoggaanamu jedhanii dinnaan, Mootummaan Said Barree GeneralWaaqoo Guutuu Mogadishuu keessa bahuu akka hin dandeenne itti himuudhaan, daangaa isaan tarkaanfachuu hindandeenne itti kennan. 

Haalli kun akka yaada kana fudhatan isaan dirqee jira. Keessattuu jiila fi muuxannoon shira Hayla Sillaasee(Arusha -Tanzaia) irraa argatan qabsoo isaanii itti fufuuf gargaarsi murteessaa ta'uu waanmirkaneesseef, tooftaa gaariin irra ooluun murteessa ture.Gargaarsa argatan kanaan 80% kibbaa Oromiyaa toohannaa isaanii jala galfachuu seenaan ragaa baha.Halli bara 1991 dhalate rakkoo Impaayerichaa karaa nagayaatiin furuuf waan hiree kennu waan fakkaateef mootummaa cehuumsaa keessatti qoda fudhatan. Hiree yaroo gabaabduuf argamte sanitti dhimma bahachuun ummata Oromoo caalatti qabsoof kakaasan.

Waxabajjii, 1992 , tooftaa Tigreen ittiin ajjeesuuf mijjeeffatte harkaa bayanii, qabsoo Bilisummaa itti fufan.Gen. Waaqoo Guutuu hawwii tokkummaa qabsaawota Oromootiif qaban fiixa baasuuf ifaajee guddaa godhanii jiran. Manguddummaa fi hayyummaa qabaniin tokkummaan ijaarsota bilisummaa Oromiyaa (THBO) bara 2000 akka mirkanaawu godhanii jiran. Kabajaa fi Jaalala gootummaa isaaniitiin horataniinHAYYUU DUREE THBO ta'uun filatamanii dalagaa turan.Gen. Waaqoo Guutuu jireenna isaanii guutuu guyyaa tokkollee dadhabe-hifadhe otuu hin-jedhin ummata isaaniitiif osoo qabsaawanuu dhukkubsatan.

Kanumarraa kan ka'een Gurraandhala guyya 3, 2006 akkayaroo Nairoobitti saa'aa 7:00 AM / ganamaatti bakka ilmaaniifii firoonni isaanii jiranitti mana yaala fayyaatti gama fuula Rabbii dabran.Qabsoon Gen. Waaqoo Guutuu Usuu wixinan qabsaawota hedduu hortee jirti.Har'a, finqila ykn. lola Baalee (Arsii) jechuu biradabree diddaa gabrumma Oromoo jechuun man-saba Addunyaa gahee jira. Wixinneen Gen. Waaqoo Guutuu wixinan seenaa ummata Oromoo keessatti kabajaa guddaa fi kan Oromoon guutuun ittiin boonu tahee dhaloota irraa dhalootatti dhaalamaa yeroo hundaaf jiraata.Generaal Waaqoo Guutuu goota rasaasni diinaa dadhabe ta'uu seenaan isaanii ragaa baha. Haalli uumaa irra oolee hawwiin firaa, jaallan qabsoo fi ummata Oromoobakka gahuu dhabullee, ummata Oromoo kan fayyaa Gen.

WaaqooGuutuu waldhaansisuuf karaa hedduun nu bira dhaabbate galanni guddaan haa gahu. Wal-galatoomfac huun Aadaa ummata Oromoo waan ta'eef malee, goota ufii kabajuu fi waldhaannachuun dirqama hunda keennaatuu ta'uu ni hubanna.Hayyuu duree seenaa sooressaa qaamaan uf-maddii dhabuu keennaaf gaddi nutti dhagame kadaangaa hinqabne ta'uu ummata Oromoo guutuuf ibsaa, maatii isaanii, jaallan qabsoo fi ummata Oromoo guutuuf obsaa fi sabrii haa kennu jenna. Isaan ka jannataa haa godhu.Qabsoon Generaal Waaqoo Guutuu jalaqaban qabsaawaa kumaatama waan horteef ummanni Oromoo yaroo gabaabaa keessatti biyya isaa (Oromiyaa) bilisoomfatee kabajaan akka jiraatu mamii / bir'aa takkallee hin qabnu.