Baroota as kaluu kana keessa Abbaan irree gosti fedhe iyyuu ummatni wal kakaasee yeroo dura dhaabbatu oggaa caccaban agarree jirra. Abbootii Irree jaboo fi kan hin sochoone fakkaatan illee diddaa ummataa qindaawe karaa siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaa godhamu dura dhaabbachuu hin danda’an. !980ta irraa kaasee ummatooti biyya Estonia, Latvia, Luthuania, Poland, Jarman Bahaa, Czechoslovakia, Slovenia, Madagaskar, Mali, Bolivia fi Philiphinnes diddaa karaa nagaa adeemsisaniin abbootii irree caccabsanii jiru. Biyyoota akka Nepal, Zambia, South korea, Chile, Argentina, Haiti, Brazil, Uruguay, Malawi, Thailand, Bulgaria, Hungary fi warra qaama Soviet Union turan keessatti qabsoo dimokraateessuuf godhamuuf diddan karaa nagaa godhamu guddaa gumaachee jira. Itti dabalees diddaan siyaasaa Chayna, Burma fi Tibet keessatti dhiheenya kana mul’atee jira.
Qabsoon biyyoota kana keessatti deeman akeeka isaanii rukutanii abbooti irree ykn mootummaa hacuccuu buqqisuu baatan illee hammenya mootummaalee kanaa hawaasa addunyatti saaxiluu duwwaa osoo hin taane ummaticha bu’aa qabsoon karaa nagaa maal akka tahe itti agarsiiseera. Biyyootii olitti maqaan dhawame keessatti sirni Abbaan irree buqqifamuun rakkoolee hawaasaa: hiyyummaa, yakka, xaxaa birokraasii, fi uumama naannoo mancaasuu haquu hin dandeenye. Rakkooleen kun bulchinsa Abbaan irree irraa kan as dabranii dha. Abbaan irree kun buqqa’uun yoo xiqqaate cunqursaa ummataa irra guddaa kaasee hawaasichi akka dimokraasii, bilisummaa fi haqa ijaaruuf karaa saaqeera.
Rakkoo Itti Fufu
Kudhanota dabran keessa addunyaan gara dimokraasii fi bilisummaatti tarkaanfii guddaa fudhate. Akka dhaabbati Mana Bilisummaa (Freedom House) jedhamu sadarkaa mirgoota siyaasaa fi civilii qoratee galmeesseetti biyyooti bilisa (free) jedhaman lakkoobsi isaan guddaa dabalee jira.Har’a biyyootiin baayyeen haala guddina dinagdee ariifachiisaa, jijjiirraa siyaasaa fi hawaasaa keessa jiru. Lakkobsi biyyoota bilisa jedhaman baayyatu illee guddina buqqaasaa galmeessaa jiru waan taheef gara bulchiinsa Abbaan irree bifa haaraa jalatti deebi’uu maluu shakkiin jedhu ni jira. Murni qondalota waraanaa, namtokkeen bolola qaban, qondaalli filame fi paatiin garii dantaa isaanii duwwaa gad dhaabuuf ni tattaafatu. Fonqolchi waan amma tahuu ykn gara fuulduraatti as bahuu maluu dha. Haala akkasiin ammoo mirgi namoomaa fi siyaasaa ummataa ugguramuun itti fufuu danda’a. Haalli kaleessaa fi dheengadda ture har’a illee numa wajjin jira. Rakkon Abbaa Irruummaa hiddi isaa gad fagoo dha. Ummatni biyyoota baayyee keessa jiran cunqursaa keessaa ykn kan alagaa baroota kudhanoota ykn jaarraa dhaaf jala jiraatan. Yeroo baayyee gaaffii malee jilbeenfatanii warra aangoo qabuuf abboomamuun sammuu namaa keessatti maxxanee jira.
Yeroo tokko tokko ammoo jaarmayaan hawaasaa, siyaasaa, dinagde fi amantii beekaa mootummaan dadhabsiifamanii, meeshaa mootumman hawaasa ittin tohatu tahanii jiru. Ummatni akka quba wal qabaatee, wal irratti amantaa horatee bilisummaa isaaf hin sochoone godhama. Haala akkasii keessatti itti bahi isaa: ummatni dadhabaa taha, of irratti amantii dhaba, diddaa agarsiisuu hin danda’u. Ummatni mootummaa Abbaa Irruummaa akka jibbu, bilisummaa akka dheebotu kan biraa illee hafee firaa fi maatii isaa wajjin hin haasa’u. Diddaa ummataa gaggeessina yaada jedhu yaaduun iyyuu ummata ni sodaachisa. Waan akkasii yaaduun maal bu’aa buusa? Abdii kutatee mataa gad qabadhee jiraachuu naa wayya jedha. Har’a haalli Abbaan irree keessa jiru isa duraanii irra gadhee tahuu mala. Yeroo dabre namooti garii finciluu yaalanii turan. Yeroo gabaabduuf illee haa taatu malee ummatni hiriira bahuun diddaa isaa agarsiisuun ni ture. Kun hamilee ol kaasuu hin oolle. Yeroo gara biraa ammoo namtokkeelee fi gartuun xiqqoon gootumman ka’anii sochii ija hin qabne godhan illee kaayyoo diddaa fi finciluu akeekaniiru. Tarkaanfiileen kabajamaan amma duraa kun garuu, sodaa fi aadaa gaaffii malee abboomamuu ummataa, kan Abbaa Irruummaa buqqisuuf haal-duree tahan dhabamsiisuu hin dandeenye. Diddaa fi fincilli ka’anii dhaaman dhiphuu fi ajjefamuu ummataa dabalan malee injifannoo fi abdii hin fidne.
Bilisummaa Goolii Dhaan
Haala akkasii keessatti maaltu godhamuu qaba? Waanti godhamu danda’u kan bu’aa hin qabne fakkaata. Abbootiin irree heera fi seera, murtii nama seeraa fi yaada ummataa irra eejjetu.Gochaa ajjeesuu, ukkamsuu, reebuun dararuu fi ukkaamsanii dhabamsiiu kanaaf ummatni falli jiru goolii uumuu dhaan, meeshaa lolaan debii kennuu dha jedhee xumura taha. Warri miidhaan aarsite wal ijaaree Abbaa Irruummaa haga funyaanitti hidhate meeshaa lolaa fi dandeetii waraana haga qabuun of irraa loluutti seena. Kun ammoo fafa isaaf qabaachuu hin hubatu taha. Namooti akkasitti ka’an gootummaan lolanii wareegama lubbuu fi qaamaa hir’achuun irra gaheera taha.Tarkaanfiilee boonsa galmeessan illee bilisummaa barbaadamu kan argamsiisan baayyee xiqqo tahu. Diddaan meeshaa lolaan godhamu Abbaan irree gara jabinaan akka ummata caalaatti miidhuu fi abdii kutachiisu godhuun deddeebi’ee mul’ateera. Hidhannoon diddaa agarsiisuun bu’aa qabaatu illee waanti tokko ifatti mul’ata. Meeshaan loluu filachuun mataan isaa dirree Abbaan irree olaantummaa itti qabuutti seenuu taha. Abbootin Irree goolii hojii irra oolchuu hidhatanii jiru. Dimokraatonni qawwee lafaa kaasan yeroo haga tokkof itti fufan illee haleellaan waraana Abbaa Irruummaa jalaa baraaramuu hin danda’an.Abbootin Irree meeshaa waraanaa , rasaasa, geejjiba fi humna loltuu olaanaa qabu. Dimokraatonni gootummaa hagam qabaatan illee humna Abbaan irreen gituu hin danda’an. Warri fincile lola dhaabbataa loluun akka bu’aa hin qabne yeroo hubatan tooftaa riphee lolaa filachuu ni malan.
Haata’u malee lolli riphee lolaa yeroo baayyee ummata cunqurfameef bu’aa hin qabu, dimokraasiis fidee hin beeku. Lola riphee lolaa loluun miidhaa guddaa ummata irraan gaha waan taheef furmaata fidu hin qabu. Tooftaan kun deggersa keessaa fi alaa qabaatu illee kufaatii oolchuuf waanti iggitii tahu hin jiru. Qabsoon riphee lolaan godhamu yeroo dheeraa fudhata. Ummatni qe’ee isaanii irraa buqqifamu, miidhaa fi dararama guddaatu irra gaha. Lolli riphee lolaa yoo milkaawee injifate iyyuu yeroo lolaa bu’ura ijaarsa biyyaa diigaman bakkatti deebisuun yeroo dheera fudhata. Mootummaan lolamaa jiru sun of ittisuuf jecha Abbaa Irruummaa hiriyaa hin qabne taha. Riphee loltooni yeroo injifatanii aangootti dhufan humni waraanaa fi caasaan isaanii waaltawaa waan taheef, dimokraasii gad dhaabuuf jaarmaya hawaasaa barbaachisan diiguu ykn dadhabsiisuu dhaan yeroo tokko tokko Abbaa Irruummaa isa kuffisan caalaa Abbaa Irruummaa tahanii as bahu. Namooti Abbaa Irruummaa jibban fala gara biraa dhawuu jalqabuu qaban.
Fonqolcha, Filmaata, Gargaarsa Alagaa?
Mootummaa Abbaa Irruummaa cunqursituu tahe karaa salphaa fi gabaabaan itti buqqisan fonqolcha waraanaa gaggeessuu fakkaachuu mala. Haata’u malee malli kun rakkoo cimaa qaba. Rakkoon duraa fi cimaan wal caalmaa akkaataa aangoon ummataa fi qondaalota waraanaa qoodame bakkumatti dhisa. Namtokke ykn murna tokko bulchiinsa harkaa qabu kaasuun gara biraa akka bakka bu’u godha malee waan geeddaru hin qabu. Tarii gartuun amma aangootti dhufe hammenya guddaa kan hin qabne fi jijjiiraa dimokraasee garii fudhachuu danda’a. Haata’u malee faallaan kanas as bahuu danda’a. Murni reef aangootti dhufe gaafa gad of dhaabe kan duraanii caalaatti bololaa fi gara jabaataa tahuu mala. Jijjiirraa fida jedhamee murni abdatame, dimokraasii fi mirga namoomaaf dantaa osoo hin qabaanne waan fedhe hojjachuu jalqaba. Kun ammoo rakkoo Abbaan irreef furmaata hin tahu.Sirna Abbaa Irruummaa jalatti filmaatni jijjiiraa siyaasaa fida hin jedhamu. Mootummooti abbaa irree kan Soviet duraanii dimokraatawaa fakkaachuuf tarkaanfiilee fudhatan ni qabu.
Filmaatni Abbaan irree geggeessan garuu ummata kan tohatu, kadhimamtooti dorgommiif dhihaatan dursanii kan qopheessani dha. Dhiibamanii ykn dirqisiifamanii Abbaa Irruummaa seera filmaataa haaraa fudhatan illee sagalee kennamu hatuun abbaa barbaadan duwwaa moo’e jechu dhan maxxantoota isaanii akka waajjira mootummaa qabatan godhu. Yoo kaadhimamtooti mormitootaa akka dorgoman godhamee filaman, akkuma bara 1990 Burma, bara 1993 Nigeria keessatti tahe, sagaleen ummatni kennate kabajamuun hafee, inni mohate sun arihatamuu, hidhamuu ykn ajjeefamuun iyyuu isa muudachuu danda’a. Abbaa Irruummaa filmaata aangoo irraa isaan buqqisu akka geggeefamu hin eeyyaman. Ummatni baayyeen kan bulchiinsa Abbaa Irruummaa jalatti cunqurfamanii bulan, ykn kanneen baqatanii biyyaa bahan, cunqurfamaan of bilisoomsuu ni danda’a jedhanii hin amanani. Namni ykn humni gara biraan dhufee akka bilisa isaan baasutti abdatu. Hawwii fi abdii isaanii humna alaa irra kaa’u. Gargaarsa addunyaatu duwwaatu cimina qabaatee Abbaa Irruummaa buqqisa jedhanii amanu. Ilaalchi curqufamaan Abbaan irree buqqisuu hin dandeenyu jedhu kun yeroo haga tokkoof sirrii tahuu danda’a. Malaa fi tooftaa cunqursaa ittin of irraa buqqisan waan hin beekneef cunqurfamooti of irratti abdii qabaatanii wal ijaaranii qabsoo hin godhan.
Haalli kun yeroo haga tokkof dhugaa tahuu danda’a. Kana irraa ka’ee sababiin ummatni humni alagaa na bilisoomsa jedhe abdatuuf hubatamaa dha. Humni alaa kan jedhamu Mootummoota Waltaha (UN), biyya beekamaa tokko, ykn ammoo wixii dinagdee fi siyaasaa hawaasi addunya godhu tahu mala. Tahu-malaa humni alaa bilisa na baasa jedhanii abdatun kan nama jajjabeessu fakkaatu illee rakkoo cimaa of keessaa qaba. Abdii akkasii guutummaatti kan hin jirre taha. Humni alaa dhufee bilisa nama baasu hin jiraatu, yoo mootummoti itti seenan ammoo kun tasa kan hin amanamne dha. Dhugaa jiru irraa ka’amee maaliif humna alaa akka hin abdatamne tuttuquuf: -
- Mootummooti alaa dantaa siyaasaa fi dinagdee isaanii dursuun Abbaan irree gargaaruu ykn ammoo gochaa isaa obsuufii ni malu
- Mootummooti alaa akeeka mataa isaanii dursuun fedhi cunqurfamooti bilisummaaf qabanif dhimmuu dhiisuu ni malu.
- Mootummooti alaa akeeka mataa isaanii dursuun fedhi cunqurfamooti bilisummaaf qabanif dhimmuu dhiisuu ni malu.
- Mootummoti alaa garii biyya sana harka lafa jalaan tohatanii dantaa dinagdee, siyaasaa fi waraanaa isaanii tikfachuuf Abbaan irree irratti tarkaanfii ni fudhatu.
- Mootummoti alaa erga diddaan ummataa biyya keessaa ka’ee cimee Abbaan irree raasee ilaalcha addunyaa argatee booda itti seenanii gargaarsa kennuu danda’u.
Yeroo baayyee Abbootiin Irree lubbuu kan dheerataniif akkaataa aangoon biyya sana keessatti qoodame irraa ti. Qabeenyaa fi aangoon harka namoota muraasatti (xinnoo) kuufamee jira yoo tahe ummatni fi hawaasi dadhaboo waan tahaniif Abbaan irreetti rakkoo uumuu hin danda’an.Hariiroon alaa Abbaa Irruummaaf aanjaa uumuu ykn dadhabsiisuu malu illee umrii isaanii itti fufuuf haala biyya keessaatu murteessaa dha.Biyya keessaa sochiin diddaa ummataa cimaan yoo jiraate dhiibbaan alaa godhamu gargaarsa bu’a qabeessa kennuu ni danda’a. Wixileen kan akka hariiroo diplomaasii kutuu, dinagdee, jaarmayaa idil-addunyaa keessaa arihuu, Mootummoti Waltahan balaaleffachuu fi kkf guddaa gargaara. Haata’u malee kun tahuuf sochiin didda ummataa cimaan biyya keessa jiraachuu qaba.
Dhugaa Hadhaawaa Dhaandhamu.
- Murannoo, of irratti amantii fi tooftaa diddaa ummata cunqurfamaa cimsuu.
- Dhaabbilee fi jaarmayaalee walaba hawaasaa jabeessuu.
- Diddaa biyya keessaa humna qabu uumuu.
- Bilisummaa argamsiisuuf karoora cimaa fi tarsiimawaa karoorsuuf bilchinaan hojii irra oolchuu dha.
Gartuun bilisummaaf qabsoo godhu of irratti irkachuu fi humna isaa jabeeffachuu qaba. Bara 1879 fi 1880 keessa oggaa warri Ireland diddaa gaggeessan namtichi Charles Stewart Parnell jedhamu. Mootummaa irratti abdachuu ykn irkachun bu’aa hin qabu….. Kan ati irratti abdatu ykn irkattu murannoo kee tahuu qaba. Walcinaa dhaabbachuun wal gargaaraa..isin keessaa warra dadhaboo tahan jajjabeessaa… harka wal qabadhaa, wal ijaaraa egaa ni injifattu.Haga gaafa haala kan dhugoomsitanitti hin dubbatinaa. Gaafa bilcheessitan dubbadha.4 Abbaan irree humna cimaa of irratti amantii qabu, karoora ogomte kan karoorfate, naamusa cimaa fi gootummaan tarkaanfii fudhatu, cimina keessa isaa irrati kan hundaawuun yoo rukutame ni burkutaawa, ni diigama. Yoo xiqqaate garuu ulaagaaleen afuran olitti tarrifaman guutamuu qabu. Haasawa armaa olii irraa kan hubatamu, Abbaan irree buqqisanii bilisoomuuf murteessaan dandeetii ummataa ti. Diddaa siyaasaa karaa nagaan gaggeessanii galiin gahuun, akka olitti tuqametti, ummatni of bilisoomsuuf carraa ni qaba. Carraan kun garuu dhimma itti bahamaa hin jiru. Boqonnaa itti aanu keessatti dhimma kana ilaalla. Haata’u malee dura dhimma araaraan wal haasa’uun Abbaan irree buqqisuu ilaalla.
0 Comments
Post a Comment