Muccittiin ilkaan cabbii reefu samii keessaa gadi darbame fakkaata, rifeensi mataa ishee daabee leencaa walin tokko, nyaarri ijasheetii bissii garbuurra heddummata. Diimtuu jechuuf diimtuu hangana diimattu dagadhee mil’adhee hin beeku. Dheertuu akka birbirsaa leemmanee tokko. Qomeen isheen godhatte jilba hin darbu sarbaa ishee hagadaa fakkaattu mul'isa. Mudhiin ishee qabaa hin guutu taaksii ani ittiin imalaa jiru seente. Hunduu waan taa'u haa fakkaatu malee dhabbattee ishee simate. Taa’umsi ishee sararamee na doo‟adhu jedha, nyaarri ijaashe ammoo waan harkaan bocame fakkaata.

Konkolaachisaan of cina kawwachu yaadee ture bakki garuu qabamaadha. Ol seentee, teessoo nama lama qabatu ani irra taa'ee ture cinakoo teesse. Urgooftuun isheen qaamatti naqatteettu Konkolaataa ittiin imalaa jirru sana keessaafi duubashee urgeesse; qaamakoo hundaatu hurgufame. “Dubbisu, lakki dhiisi! kun siif hin maltu,” nan jedha miirrikoo. Takkaammoo, “Maal abbashee ati dhiira mitii,” jetti onneenkos, osooman akkanaan kessakootti haasa'uu daandii qixxee taasifne. Ofcinatti yoon ija hatee ilaalu isheenis na ilaalaa jirti, ijji lamaan keenyaa wal irra bu'e. Lapheenkoo akkan waan tabbatti fiigeetti.na dhahate akka gagaa baqe! Yaa guyyaa har'aa maal natti qabattee dhufte jedheen boquu gadi qabadhe.

Boquukoo yoon olqabadhu cinakoo hin jirtu. Gaabbiinan mataakoo ofirraa cire; afuuratu na hanqate muddamnikoo kan duraa caale! maal abjudhaa? jedheen of gaafadhe garuu wantichi miti. Imaltonni taaksii sana keessa turan hunduu kan fuuldura taa'es kan duubas garumakoo ilaalu. "Feestala siif keennu?" nan jedhe, gargaaraan konkolatichaa muddamakoo hubatee ta'uu hin hafu. Anis ol jedhee isa ilaaleen, ati maal balleesite aadaa saba Xoophiyaa maraati, guyyaa mataan si dhukkube marfee tafatti si cabsanii, yoo garaan si ciniinemmoo bunni siif haa danfu jechuun jedheen callise. Imaaltonni hunduu afaan qabatan; kan natti cininaterree hin dhibu. Eenyu inni jettaa laata tarii? mooji abbasaa isa hojiin isaa akkasiiti. Muddamakoo kanaan bakkan deemuyyuu dagadhee metira dhibbaa ol darbee yoon of baru qaata Amboo keessaa baanee Magaalaa Meexxiitti dhihaneerra. Naasuun na buusi ! na buusin! jedhe; konkolachisaan sun garuu, caalliseema konkolachisa. Dubartiin tokko afaan abaramaa sanaan, "Waraj ale," jete namni bu'u jira akkawaan jechuu sanaati osoo isheen dubbattee afaan ishee keessaa hin xumuriin konkolataan qax jennaan dhaabbate!

Anis takka konkolachisaa kana taajjabee bu'e. Faanakoo gara dudduubaan qajeelche, naan fiige, dafqa ofirran kutaa Yunversitii Amboo Kaampasii Awwaaroo iddoo amma KAAMPAASII HAACAALUU HUNDEESSAA jedhamuufi bakkan sirna eebba kitaaba 'ILAALCHA DHALOOTAA' jedhuuf deemaa turen gahe.Keessummoonni hunduu bakka qabataniiru, ol seenen teessoo duwwaa barbaaddadheeman taa'e. Silaa ergan mucittii taaksii keessatti argee ijjikoo lafa hin argu, gurriikoo nama hin dhaga'u; akkuman taa'een gara waltajjii yoon ilaalu Baandiin Hora Amboo sangataa sha shanbaa godhee ho‟isaa jira. Mucaan ani dura taaksii kessatti arges uffata aadaa Oromoo Gujiin fayyaamtee baandii fuula dura dhaabbattee,

"Baleho, balehoo karaan balehoo

Wayyaane addaan baanehoo

Afuuftu addaan banehoo

Ya gantuu addaan banehoo " 

jechaa sirbaa jirti! Ani ammoo teessumnikoo teessoorra waan jiru haa fakkaatuyyuu malee bakkuman jiru taa‟ee qalbiikoo keessatti, “ Magaaleeko eenyuu maqankee Magaalleeko eenyu maqaankee An rafeen eda abjuun si arge kotu kotu,” jedha.Takka ammo kan Usmaayyoon Musaa,“Ijoolleen Meettaa gamaa, ijoolleen Meettaa gamaaMaali ijoolleen waan fuute hin galchine(2)Sin dhiisu naan dhiisini, sin dhiisu nan dhiisiniYoon si dhiise abbaankoo nan dhalchine(2)…” jedhu yaadachaanKeessa koottin gungumuun eegale.Sagaleen ishemmoo bifasheen dacha sagal. Yaa Uumaa kaaniin kuma badhaasee kaaniin ammoo tokko dhorkata! amanuun na rakkise ija hahaxawachaa yoon ilaalu mucittiima duraan taaksii keessatti cinakoo teessee turtedha! Ufii akkam ta'u egaa? akka kaanaan duraa gaabbitti hafumoo deemee dubbisu? maal abbaakoo ta'u? mal naaf maltu?

   kutaa lammaffaan itti fuufa….

             BARREESSAAN WALQIXXEE INDAALEE GUUTTATAA.