Jimaata darbe magaalaa Naqamteetti kan ajjeefame barataa Hundaa'ol Beenyaa guyyoota sadiif reeffi isaa dhorkamee ture Wixata sirni awwaalchaa isaa raawwatamuu maatiin himan.Obboleessa qondaala ABO, kan wayita ammaa mana hidhaa jiru, Lammii Beenyaa kan ta'e barataa Hundaa'ol, osoo qormaata kutaa 12ffaaf qophiitti jiruu akka ajjeefame obboleessi isaa Firaa'ol Beenyaa BBC'tti himeera.Hundaa’ol Beenyaa barataa kutaa 12ffaati. Magaalaa Naqamteetti barataa kan ture yoo ta’u, Jimaata darbe galgala magaalaa Naqamtee naannoo Yuunvarsatii Riift Vaalii jedhamee beekamutti ajjeeffame.

Obboleessi isaa Firaa'ol Beenyaa akka Hundaa'ol itti ajjeefame wayita dubbatu, Jimaata darbe magaalaa Naqamtee keessa dhukaasni turuu himuun eegale.Borumtii isaa namni dhukaasa sanaan du’e jiraachuu dhageenye jedhe. Sana booda namoonni wayita suura obboleessa isaa miidiyaa hawaasaarratti qoodan argu hima.'‘Suuraa argee wayitan qoradhun dhugaa ta’uusaa mirkaneeffadhe,’’ jedhe Firaa’ol.Wayita obboleessi isaa ajjeefamu akka bira hin turre kan dubbatu Firaa’ol, namoota naannoo sana turan haala ture iyyaafachuu kaase.Obboleessi isaa ajjeefame ijoolle biroo waliin manatti qo’achaa erga turanii booda gara galgalaa shaayii dhuguuf naannoo Riftivaaliittii bahan jedhe.

'‘Bakka sanati waan ajajatan osoo eeggataa jiranii dhukaasni qaamoolee nageenyaatiin isaaniirratti baname. Hundaa’ol ajjeefamuun namoonni isa waliin turan qabaman’’ jechuun haala ture ibse.Namoota isa waliin turan keessaa kanneen mada’aan turaniiru jedhe.Reeffi isaa guyyoota sadiif osoo hin kennamneef erga turee booda Wiixata maatiin fudhachuun sirni awwaalcha obboleessa isaa rawwaachuuf akka ture wayita BBC dubbiseetti himeera Firaa’ol.Obboleessi isaa kunis kan siyaasa waliin hidhata omaatu hin qabneefi barataa qorumsaaf qophiirra turetu ajjeefame jedhe obbolleessi barataa ajjeeffamee kanaa.'‘Erga ajjefamee Abbaa Torbee ajjeefne jedhamuun fokkorri ture, Hundaa’ol garuu barataadha malee nama siyaasaa hin turre. Qormataaf qopha’aa ture ’’ jedhe.

Dhimma kanarratti waajjira poolisii magaalaa Naqamtee irraa deebii argachuuf yaaliin BBCn taasise hin milkoofne.


Maddi:-BBC