Balaa Araara/Walhaasa’uun Qabu.

   Abbaa Irruummaa buqqisuuf yaalanii yeroo itti ulfaatu ykn rakkoon itti heddumaatu ummatni garii mormii malee harka kennachuutti deebi’u. Namooti garii Abbaan Irree kan achii hin sochoone itti fakkaatee, dimokraasii argachuu hin dandeenyu kanaaf araara, walhaasa’uu dhaan cunqursaa of irraa xiqqeessuu dandeenya jedhanii yaadu. Irra keessa yeroo ilaalan filmaata gara biraa dhabuu irraa akkasitti yaadun waan bu’aa qabu fakkaata. Abbaan irree irratti qabsoo godhuun waan salphaa miti. Karaa qabsoo kana deemun iyyuu maaliif barbaachise? Walhaasa’uu dhaan, jaarsummaa dhaan suuta jechuu dhaan Abbaan irree kaasuun hin danda’amuu? Dimokraatooti Abbaan irreetti dhihaatanii haasofsiisuun akka namoomaaf jecha gochaa isaanii hammenyaa kana suuta akka laaffisaa deeman godhuun, maayii irratti aangoo gad dhiisanii akka dimokraasiin utubamu godhuun hin danda’amuu? Yeroo tokko tokko dhugaan gama tokko jiraachuu dhiisuu ni malti jedhanii falmuun ni danda’ama.

   Tarii dimokraatonni A/ Irre hubachuu dhabu irraa kan ka’e Abbaan irree yeroo keessa tarkaanfii gaarii ni fudhatuu? Tarii namooti garii Abbaan irree yeroo rakkoo cimtuun biyya qunnamtu, xiqqoo yoo jajjabeessan, gammachuu dhaan aangoo irraa bu’u jedhanii yaadu taha. Haala gamni tokko argatee kaan hin kaasaarre, Abbaa Irruummaa fi ummatni bu’aa itti argatan Abbaan irreef dhiheessuun ni danda’ama jedhani falmuun tarii ni ka’a. Qabsoo kanaaf kana caalaa wareegama kaffaluu fi balaan muudachuun hin barbaachisu jechun falmuu fi akka namooti beekamoon ykn mootummaan biraa dhimma karaa nagaa fi araaraa xumuru wayya jechuun ka’uu danda’a. Qabsoo ulfaataa gaggeessuu irra kun irra hin wayyuu?

Mishoomaa fi Fafa Walhaasa’uu 

   Walhaasa’uun/jaarsummaan mormii tokko tokko furuu irratti meeshaa baayyee barbaachisaa yeroo tahu waan jiruuf lagatamuu hin qabu. Haala wal haasa’uu kaayyoo bu’uraa hin miine keessatti mormii furuuf wal haasa’anii, waan garii walii beekanii dhiisuun meeshaa araaraa gaarii dha. Dafqaan bulaan dabala mindaa gaafachuun hojjii yeroo dhaabu, mormii kana furuuf walhaasa’uun furmaata fida. Gaaffii dafqaan bulaan gaafatee fi abbaan warshaa deebii kennu giddutti madaalani walhaasa’uun furmaata irra gahuun ni danda’ama. Haalli wal mormii dafqaan bulaa waldaan ijaarame fi abbaa qabeenyaa gidduu jiruu fi Abbaan irree humnaa fi gara jabinaan bulchuu fi ummata gaaffii siyaasaa gaafatu giduu jiru wal hin fakkaatu. 

   Dhimmi irratti haasa’amu kaayyoo bu’uraa amantii, mirga namoomaa ykn ammoo dagaagina hawaasaa gara fuulduraa kan tuqu ykn miidhu yoo tahe walhaasa’uun furmaata wal hubannaan irratti argamu fiduu hin danda’u. Dhimmota bu’uraa fi murteessoo tahan irratti haasa’uun irraa bu’un tasa hin jiraatu. Kaayyoo bu’uraa kan iggiteessuu danda’u yoo aangoon harka Abbaa Irruummaatii bahee harka dimokraatotaatti gale duwwaa dha. Aangoon harka geeddarachun kan danda’u ammoo qabsoo dhaan malee wal haasa’uun hin tahu. Kana jechun ammoo walhaasa’uun lagatamuu qaba jechuu miti. Yoo dimokraatoti humna qaban jiraatan malee Abbaan irree jabaa walhaasa’uun kaasuun hin danda’amu.Walhaasa’uun filmaata tokko tahuu dhiisuu ni mala. Abbaan irree akka gaaritti gad of dhaaban mormiitoota isaani dimokraatootaa wajjin haasa’u diduu danda’an. Yokaan wal haasa’uun jalqabee, dimokraatooti haasaa jalqaban achumaan dhabamuu malan. 

                                      Walhaasa’uun Harka Kennuu? 

   Gartuu ykn namooti Abbaan irree dhaan morman sababa qabatamaa araara itti barbaadan qabaachuu danda’u. Keessaafuu karaa hidhannoo qabsoo godhan yoo tahe, qabsoon sun bara dheeraa deemee injifannoo galmeessuu oggaa hanqatu, ummatni nagaa nuu wayya jechuu danda’a. Haala Abbaan irree karaa humna waraanaa olaantummaa qabaatee miidhaa guddaa ummata irraan gahu yeroo ulfaatu dimokraatoti walhaasa’uun qabxii ka’u taha. Haala akkasii keessatti akeeka dimokraatoota haga tokko dandamachiisuuf, goolii fi jeequmsa uumame dhaabuuf mala dhawuun jalqabuf fedhiin namatti buluu ni mala. Waamicha araaraa Abbaan irree dimokraatootaaf godhu hin amanamu. Goolii fi jeequmsii deemaa jiru battalatti kan dhaabbatu yoo Abbaa Irruummaa ummata isaanii irratti lola banan yoo dhaabanii dha.

    Kana ammoo dhiibbaa tokko malee kaka’iinsa mataa isaaniin, wal haasa’uu tokko malee, kabajaa ummataaf qaban bakkatti deebisanii, mirga naamoomaa beekanii kabajanii, hidhamtota siyaasaa hiikanii, torchar dhaabanii, ummata dhiifama gaafatanii aangoo irraa bu’uu danda’u. Abbaan irree ciminni yeroo itti dhaga’amu, mormiitoota dadhaboo garuu kan isa tuttuqan, nagaa golgaa godhachuun, mormitoota harka kennachiisuuf walhaasa’uu ni fedha taha. Waamichi walhaasa’uuf godhamu nama harkisuu mala, garuu balaa hamaan walhaasa’u kanaan dhufuu danda’a. 

   Gama biraan ammoo yoo mormitooti baayye cimoo tahanii Abbaa Irruummaa kan sodaachisan tahe, Abbaan irree haga tokko of dandamachiisee qabeenya isaa hambifachuuf walhaasa’u ni fedha taha. Karaa lamaaniinis tahe dimokraatoti akeeka Abbaan irree gargaaruu qabuu? Kiyyoo walhaasa’uu Abbaan irree diriirsanitti akka hin kufne dimokraatoti guddisanii of eeguu qaban. Dhimma walabummaa siyaasaa ilaalu irratti waamichi Abbaa Irruummaa walhaasa’uuf dimokraatotaaf dhiheessu akka harka kennatanii, Abbaan irree hacuuccaa isaa itti fufu taasisa. Walhaasa’uun dhugaa kan argamuu danda’u qabsoon cimee aangoo Abbaan irree erga akka gaaritti dhabamsiisee booda taha. Kunis Abbaan irree nageenya mataa isaaf dirree xiyyaaraan akka biyyaa bahuuf gargaara.

                                          Abbaa Irree Mijjataa 

   Abbaan irree akeekaa fi fedhii itti hacuucanii bulchanif adda addaa kan akka: aangoo, qabeenyaa, hawaasa jijjiiruu fi kkf qabaachuu danda’u. Yoo bakka qabatani irraa ka’an fedhiin isaanii kun duraa hafa. Kanaaf yeroo walhaasa’an Abbaa Irruummaa akeeki isaanii akka hin tuqamne barbaadu. Abbaan irree dimokraatota harkatti galfaachuu yeroo walhaasa’amu abdii fi waadaa adda addaa galanii erga harkaan gahatanii booda waadaa isaani sodaa tokko malee cabsu. Dimokraatoti diddaa isaanii giddutti yoo dhaaba maayi irratti itti gaabbu. Qabsoo diddaa gidduutti laaffisuun cunqrusaa hin hir’isu. Humni isaaniin mormu keessas tahe alaa qabbanaaw Abbaan irree isa durii caalaatti tarkaanfii hammeenyaa fi hacuuccaa fudhatu.Diddaan ummataa jiraachuun Abbaan irree miidhaa ummata irraan geessu irraa akka of qusatu taasisa. Yoo diddaan ummataa hin jiraanne Abbaa Irruummaa abbaa fedhe irratti tarkaanfii fudhata. 

   Krishnalal Shridharani namni jedhamu “ Abbaan irree waan nuti of irraa ittisuu hin dandeenya humna waan qabuuf rawwata”5 jedhe. Kaayyoon bu’ura kan tuqamu yoo tahe mormii jiru hiikuuf diddaa itti fufuu malee walhaasa’uun gatii hin qabu. Diddaan haga Abbaa Irruummaa aangoo irraa buusutti itti fufuu qaba. Injifannoon yeroo baayyee walhaasa’un waliin galuun osoo hin taane diddaa ummataatti ogummaan fi ciminaan dhimma itti bahuu dhaan argama. Qabsoo bilisummaaf godhamu keessatti meeshaa jabaan diddaa siyaasaa fi qabsoo karaa nagaa godhamu akka tahe ni dhiheessina. 

                                             Nagaa Gosa Kamii? 

    Yoo Abbaan irree fi dimokraatonni waa’ee nagaa haasa’an, yaada ifaa qabaatan malee balaa qaba. Nagaan barbaada kan jedhu hundi nagaa bilisummaa fi haqa wajjin hin barbaadu. Abbaa Irruummaa ummata kumootaan cunqursuu fi hacuucutti harka kennuun nagaa fiduu hin danda’u.Hitler nagaa jedhaan kan ture, fedhii fi aangoo isaatti harka kennaa jechuu ture. Nagaa Abbaan irree jedhan yeroo baayyee nagaa mana hidhaa ykn awaala keessa irraa adda miti. Balaa gara biraas ni jira. Namooti garii akeeka walhaasa’uu fi deemsa haasaa waliin dhawu.Dimokraatooti yeroo Abbaan irree wajjin haasa’an biyya keessaa fi alatti fudhatama Abbaan irree sababa hammeenyaa fi dhiittaa mirga namaa raawwatuuf dhabee ture deebisuuf. Abbaa Irruummaa fudhatama yoo hin arganne bulchiinsa isaanii itti fufuu hin danda’an. Warri nagaa barbaadan fudhatama Abbaan irree dhabe sana kennuufii hin qaban. 

                                               


                                       Sababoota Abdii Nuu Kennan 

    Akkuma olitti tuqamee ture, hoggantooti mormitootaa qabsoo godhan irraa yeroo abdii dhaban gara nagaa haasa’uutti deebi’u. Abdii kutannaa ykn laafinni har’a mul’atu ni jijjiirama. Abbaan irree bara baraan kan jiraatan miti. Ummatooti bulchiinsa Abbaan irree jala jiran dadhaboo akka tahanitti hafuu hin qaban. Akkasumas Abbaan irree jabaa fi abbaa humnaa akka tahanitti hin hafan. Aristootil bara dheeraan dura “ Bulchiinsi Abbaan irree bulchiinsa warra kaan irra lubbuu gabaabbatu . Abbaan irree lubbuu dheerate hin jiru.” jedhee jira. Abbaan irree barannee ammoo qaama laafina qabu. ( Boqonnaa IV keessatti qaama laafina kana bal’inaan ilaalla.)eenaa irraa akka arginutti Abbaan irree yeroo gabaabaa keessatti unkutaa’anii caccabu. Kanaaf fakkeenya kan tahu biyyoota bulchiinsa komunistii jala turan Polaand, East Germany, Chekoslovia faa dha. Abbaan irree biyyoota kanaa bara 1989 keessa torbanoota gabaaboo keessatti caccabanii badan. 

    Bara 1944 keessa qabsoon Abbaan irree humna waraanaa buusuuf deemifame torban lama duwwaa fudhate. Mootummaan Shaah biyya Iraan kan humna waraanaa guddaa qabu yeroo gabaabaa keessatti buqqa’e. Bulchiinsi Abbaa Irree Maarqos, kan biyya Philippines 1986ta keessa bulchaa ture, qabsoo mormitootaa itti jabaannaan, yeroo gabaabaa keessatti biyya gad dhiisee Ameerikaatti baqate. Biyya Rashiiyaa keessatti fonqolchi bara 1991 yaalamee ture diddaa ummataan bakka gahuu hanqate. Haala kanaan hawaasoti cunqursaa jala turan yeroo gabaabaa keessatti bilisummaa isaanii argatan.Kanaaf ilaalchi dullachi kan qabsoon hidhannoo dafee hojjata, qabsoon karaa nagaa yeroo dheeraa fudhata jedhamaa ture dhugaa tahuu dhiiseera. Haalaa fi hawaasa keessatti jijjiirraa buqqaasaa fiduun yeroo yoo fudhate illee, yeroo tokko tokko abbaa irree buusuuf qabsoon karaa nagaa godhamu shaffisuu danda’a.Lola itti fufuu ykn harka kennuuf dhaaf walhaasa’uun filmaata tokkicha tahuu hin danda’u. Fakkeenyoti olitti kaafne, boqonnaa tokkoffaa keessatti akkuma ibsame, nagaa fi bilisummaa warra barbaadaniif filmaatni gara biraan diddaa siyaasaa karaa nagaa deemsisuu dha.