Abdii: Gaaffii salphaan kaasa dokteer.Namoonni tokko tokko abaluun onnee koo irran jaalladhe abaluun immoo onnee koo irraan jibbe yeroo jedhan ni dhageenya.Isin akka Ispeeshaalistii onnee tokkootti jecha namoonni fayyadaman kana akkamitti ilaaltu? Onnee,jaallachuu fi jibbuu wajjin kan walitti fidu maal?

Dokteer: Hhhhh Jecha kana addunyaa guutuutu itti fayyadama.Yeroo akkas jedhanis na dhaga'a,dhaga’aan tures.Garuu,akka fayyaatti onneen ujummoodha,Yaaduu hin danda'u daa'imni tokko erga garaa haadha ishee keessatti uumamtee garaa haadhaa keessatti rukuttaa onnee jalqabdi.Namnis yeroo du'u onneen yoo hojjechuu dhaabe ni du'e jedhama.Garuu,onneen utuu hin du'in dura sammuutu dura du'a.Kun addunyaa irratti falmii guddaa kaaseera.Hanga mana murtiitti kan ga'anis jiru.Walumaagala,Onneen utuu hin du'in dura sammuun yoo du'e namni sun du'e jedhama.Garuu  onneen hojii isaa guutummaatti akka dhaabe waraqaan ragaa dokteerii irraa kennamuu qaba.Gaaffii kee cuunfuuf Walumaagalatti,Onneen jaallachuu,jibbuu,yaaduu wajjin wanti walitti fidu tokko illee hin jiru.

Abdii:Sirbitootni onnee tiyya onnee tiyya jedhu yeroo sirban kana yeroo dhageessan maal jettu?

Dokteerii: Kun erga dhalli namaa uumamee jalqabamee amaleeffannaan kan jedhamuudha malee saayinsii wajjin wanti walitti fidu tokko illee hin jiru.Kan onneef kennan hundi isaa hojii sammuuti.sababni isaa sammuudha kan yaadu,kan jaallatu,kan jibbu,kan dhiphatu malee onnee miti.

Abdii:Waaqayyo jiraachuu ni amantuu

Dokteerii:Eeyee isa malee maal qabna?

Abdii:Isa malee sababa kan biraan hin jirreef moo sirriitti jiraachuu isaa waan sirriitti amantaniif kan amantan?

Dokteerii:Waaqayyo jira nan amanas.Kun immoo ragaa dabalataa nan barbaachisu.

Abdiin:Hordofaa amantii tokkoo ta'uun Waaqayyoon amanuu ni ibsaa?

Dokteerii:Waaqayyoon amanuun waan tokko iyyuu nan barbaachisu.Macaafni Qulqulluun,Quraannis nan barbaachisu.

Kitaabonni kun kan barsiisan,Bitaa gara mirgaatti,mirgaa gara bitaatti,goodaa hanga gararraatti keessa galtee yoo ilaalte yeroo tokko tokko kitaaba filsifinnaa ta'uu danda'u.Yeroo jalqabaaf haadha koo irraa kanan dhaga'e tokkon qaba innis ''Qulqulluu fi cubbamaan jiraates jiraachuu baates hamaa irra gaarummaan ni caala''naan ĵetti turte.Iccitiin kun anaaf hiika guddaa qaba.Walumaa gala hamaa irra gaarii wayya.Quraannis macaafni Qulqulluunis waan gaarii hojjechuu nama barsiisu.Amantiin jiraates jiraachuu baates waan gaarii hojjechuun miira gaarii namaaf kenna.Macaafni qulqulluu waaqayyo duuka bu'oota isaa irra bulee isaan kan barreessaniidha.Waaqayyo isaan barsiisuuf dubbate ta'uu danda'a 2xim.3:16.Inni cimaadha,Cimaa cimaa oliiti,Iddoo hundumaatti argama.

               Namootni baay'een namoota beekamoo fi hiriyoota isaanii ni kabaju. 

Namoota hojii humnaa fi hojii guyyaa hojjechuun of jiraachisan, namoota qaama miidhamtoota daandii irra taa'anii kadhatanii fi hojjettoota isaaniif garuu  bakka hin Kennan.Nama ta'uudhumti namaa kan beekamu immoo yommuu nama namummaa isaatiif bakka laachuufii danda'eedha."Carraa ittiin namoota si cinaa dhufaniif waan gaarii gootee jireenya isaanii gammachiisuu dandeessu utuu qabduu yoo dhiifte ati Addunyaa kanarratti yeroo kee tasa gubaa jirta" Mother Teresa Nama hundumaatti utuu isaan lubbuun jiruu jaalala kee itti agarsiisi.Namni kamiyyuu utuu lubbuun jiruu jaalallii fi gaarummaan akka itti agarsiifamu barbaada.Ilaalcha gaarii immoo namootaaf qabachuu fi  nama hundaaf bakka kennuun abbuma akka fayyadu beekamaadha!Ergaawwan ajaa'ibsiisoo jireenya kee jijjiiruu danda'u hedduu argachuu yoo feete link armaan gadii cuqaasuun follow akka gootu sin jajjabeessa!

"Hoggantoonni dhugaan Washgitanitti argaman hin mul'atan;dugda duuba taa'anii hojii isaanii raawwatu." Gorsaa dhimma alaa kan jedhamu Gareewwan Icciitii siyaasaa keessaa isa tokko yoo ta'u 'Illuminaatii Ameerikaa' jedhameetu beekama.Gareen kun bara 1921 A.L.A Gorsaa pireezidaantii Widiroo Walsan kan ture nama'Maandeel Haawus' jedhamuun hundeeffame.Yeroo sanatti kaayyoon garee kanaa Ameerikaa keessatti sirna sooshaalizimii hundeessuu ture.Heerri mootummaa Ameerikaa kaayyoo kana kan deeggaru ta'uus baatu gareen gorsitoota kun lafa jala deemee aangoo qabachuudhaan itti gaafatamummaa biyyaarratti qaama murteessaa ta'uu danda'eera. Gareeen kun erga hundeeffamee kaasee seera faayinaansii hundeessuu keessatti ga'ee olaanaa taphateera.Mootummaa addunyaa tokko hundeessuufis sochii guddaa godheera.

    Gareen Gorsitoota Dhimma Alaa hoggantoota baankota addunyaa,beekkamtoota siyaasaa fi hayyoota akkaadaamii kan of keessatti hammateedha. Miseensa garee kanaa ta'uun kan dandaa'amu afeerraa hoggantoota garichaa irratti hundaa'eeti.Miseensummaan umurii guutuuf yookiin yeroo gabaabaatiif ta'uu danda'a.Eenyummaan miseensaa hangas mara icciitiin hin qabamu.Ajandaan mariif dhiyaatuuf yaadni adeemsa walgayii keessaa ka'u garuu icciitiin qabamu.Gorsitoonni Dhimma Alaa miidiyaa keessattis dhiibbaa olaanaa ni uumu. Fakkeenyaaf,meeshaalee sabqunnamtii akka 'NBC','CBS','New York Times','Washington Post' fi manneen maxxansaa adda addaa keessatti ga'ee guddaa taphatu,to'annoo cimaa geggeessu.Walgayii garee dhoksaan gaggeessu. Walgayiicharratti  kan argaman miseensota isaanii fi keessummoota muraasa qofa malee namoonni biroo akka irratti hirmaatan hin godhamu.Yeroo walgayii miseensonni bilisa ta'anii yaada isaanii ibsatu.Uummata bira wanti qaqqabu Waan hin jirreef akka fedhii isaaniitti walqeequu danda'u. Paartiileen Ameerikaa 'Diimookiraatikii  fi Rippaabilikaan' jedhamanii bakka lamatti haa qoodaman malee kaadhimamtoonni Pireezidaantii fi Seenaatarii baayyeen isaanii Miseensota Illuminaatiiti.