Namoonni  Birriin sobaa  kumni 58 harkatti qabame 2 to’atamuun qorannoon irratti gaggeeffamaa jiraachuu Poolisiin Magaalaa Finfinnee beeksise.Shakkamtoota kanneen keessaa tokko kutaa magaalaa Addis Katamaa aanaa 7 naannoo Awutoobistaraa jedhamuun beekamutti ta’uu ibsameera.Shakkamaan kun naannoo Awutoobistaraatti mana nyaataa seenee erga tajaajilameen booda Birrii sobaa abbaa 200 wayita kaffalu abbaan mana nyaatichaa sirrummaa Birrichaa shakkuun eeruu poolisiif kenneen shakkamicha harkaaf harkatti to’annaa jala oolchuun danda’amuu eerameera.Sakattoo korojoo pilaastikaa namichaarratti taasifameenis maallaqni sobaa abbaan noottii  200 Birriin kumni 57 fi 600 argamuu poolisiin ibseera