Hoogganaan Tigraay marii ifaa Keeniyaatti gaggeeffamuuf qophii ta'uu ibsan

Dursaan TPLF Dr. Dabratsiyoon Gabramikaa'eel mootummaan isaanii marii ifaa mootummaan Keeniyaa eegaleef bakka buutota isaa erguuf qophii ta'uu xalayaa banaa dhaabbilee idila addunyaaf erganiin beeksisan.Dabratsiyoon kan kana dubbatan mariin dhoksaan mootummaa Itoophiyaa fi hooggantoota Tigraay gidduutti Aruushaa, Taanzaaniyaatti adeemaa jira gabaasni jedhu yeroo dhagaa'amettiidha.Hoogganaan Tigraay Dabrastiyoon ''qajeeltoowwan keenya faayidaaf booddeetti hi jennee dhoksaan waliigaltee raawwachuuf qophii miti'' jedhan.Xalayaan banaan hoogganaan Tigraay barreessanii guyyaa kaleessaa ba'e kun, barreessaa olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, Gamtaa Awurooppaa, Gamtaa Afrikaa, miseensota Mana Maree Nageenyaa, ergamoota addaa gaanfaa Afrikaa fi Amerikaa ni eera.Xalayaa banaan oogganoota Tigraayiin barreeffame kun, yeroo mariin dhoksaan Tigiraayii fi koloneel Abiy gidduutti Taanzaaniyaa, Arushaatti adeemuuf jira jedhamee guungumametti ta'uun gaaffii kaasullee, akka Oromootti qabsoon Oromoo har'as ta'u duras qaama kamuu irratti kan hirkate akka hin taane beekuun Oromoon akka sabaatti waan barbaade argachuuf, akka gaanfa Afrikaatti dhiibbaa geessisuu fi addunyaan dirqamee dhimma Oromootiif akkasumas qabsoo Oromootiif akka gurraa qalbii kennu taasisuuf humnoomuun isa yeroo kamii iyyuu caalaa har'a murteessaa Abiyi Amhad dubbii tana Yeroo angoon isaa harkaa jirtu Keessattuu Oromoo fayyadamaa gohachuu qaba Karaa angoo fi siyaasin hatatu kara hundan Oromoo hammachuu qaba kun dhaamsa kootii.


Gadda Baay'ee nama riffachiisu!

Godina Walloo iddoo Farsii jadhamutti Garee Shoororkeessaa Faannoo ummata Oromoo Walloo Konkolaataa AZUZI guutuu iddoo tokkotti rasaasa itti roobsuun jumlaan ajjeesuu isaanii ragaan Viidiyoon bahe ni mirkaneessa! Gareen Shoororkeessaa Faannoo diigamee warri gocha suukkanneessaa kana raawwate too'annoo seeraa jala oolanii ija ummataa fuulduratti murtee argatan malee garee ilaacha akkasii Oromoof qabdu waliin biyya tokko himachuun abadan numa hin taane!


Ijjifannoo wbo

Gootichi W3O Zoonii Giddu Galaa Konyaa Kibba Lixa Shaggar, Roggee fi Jibaat irraa walitti dhufuun har'a (17/06/2022) ganama Waraana PP murna garboomfattuu magaala #_Kamsii_Biloo mandheeffattee jirtu haleeluun qawwee turkey 7 irraa hiikuun 15 ol ajjeesuun hedduu madeesseera. Kanarraa ka'uun waraana weerartuu birmannaaf kallattii afuriin deemaa jirtu keessaa kan kaampii #_Shananii fi Abboonnoo irraa kaatee deemtu eeguun Ona #_Jibaat Ganda #_Gaamoo_Jibaat keessatti dhukkee irraa kaasuun reeffan lafa tuuleera.Kanamalees guyyaa kaleessaa Lixa Shaggar Ona #_Dirree_Incinnii ganda #_Arfinjoo Dagaa keessatti Waraana murna PP duguuggaa sanyii Oromoorratti raawwataa jirtu osoo mana Ummataa gubuuf deemtu gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo (W3O)' dura goruun ari'ee qawwee 2 hidhannoo guutuu gachisiisee of duuba deebise.Yeroodhuma baqataa jirtu kanatti mana nama #_Bullooshee #_Damee jedhamu gubuun isarrattis reebicha ulfaataa raawwataniin qaama miidhamaa taasisanii darbanii jiru.Dheengaddas Ona Dirree Incinnii ganda Arfinjoo Dagaa keessatti osoo saamicha, ajjeechaa fi manaaf qabeenya Ummataa gubuuf deemtuu gootichi abdii sabaa gargar facaasuun garii ajjeesee garii madoon adabeera. Sanuma keessa miseensa Waraana PP kan ta'e tokko qawwee turkey 2 fudhachuun gara WBO tti makameera.

Mormiin hojii dhaabuu guutumaa Tuuniziyaatti deemaa jiru pireezidantiif yaaddesse.Mormiin Waldaa Hojjettootaa guddicha biyyatti, UGTT jedhamuun waamame kun, seera filannoo haaraa pireezidantiin biyyattii Kais Saied labsan dura dhaabbachuurratti kan xiyyeeffateedha. Jaarmiyaan kun miseensonni isaa miiliyoona tokko caalan guutuu biyyattii keessatti yeroo tokkoon akka hojii dhaaban ajajeera. Maallaqa lammiileef guyyuu kaffalamuu fi kan mootummaan deeggarsaan kennu hir'isuuf karoorri ba'e kanneen sababa mormii ta'an keessaati. Mootummaan Tuuniziyaa liqii doolaara biiliyoona 4 Dhaabbata Maallaqaa Idil-addunyaa irraa argachuun diinagdee biyyattii raafamaa jiru dandamachiisuuf uummatarraan dhiibbaa ga'aa jira jechuun komatu namoonni mormii kaasan kunneen.Sababa mormii kanaan balaliinsi gara Tuuniziyaatti, akkasumas Tuniziyaarraa gara biyyoota alaatti taasifamu adda citeera.

Barattoonni Oromoo Yuunivarsiitii Qabri Dahar Hiriirri Mormii guddaa dhoosaniiru!

Dhaadannoo isaanii keessa; 1, Barattoonni Oromoo Yuunivarsiitii Qabri Dahar irratti badii malee jumlaan ari'aman hatattamaan akka gara mooraa Yuunivarsiitiitti deebi'anii barnoota isaanii itti fufan gaafataniiru! 2, Ajjeechaa Jumlaa waraana Naannoo Gambeellaan Oromoo Gambeellaa keessa jiraatan irratti raawwatamaa jirtus balaalleffataniiru! 3, Hogganni University Qabri Dahar Barattoota Oromoo dabaan ariitan hatattamaan barnootti deebiftan malee nutiis haga barnoonni keenya nu biraa badii malee ari'aman hatattamaan barnootti deebi'anii barnoota adda muruuf dirqamnee jirra...., 4 Justices for Oromoo students, Stop Genocide Oromo peoples......., jachuun smma sagalee isaanii dhageesisaa jiru. Waliif qooduun sagalee ta'aaf!

Barattoota Oromoo 18 yeroo tokkotti Yuuniversiitii irraa badii malee ari'uun maal jachuudha?

Barattoota Oromoo 18 yeroo tokkotti Yuuniversiitii irraa badii malee ari'uun maal jachuudha? Yuuniversiitii Naannoo Somalee Yuuniversiitii Qabri Dahar Barattoota Oromoo 18 Welcome Barattoota irratti Walluu Yoosa Geetahun kan "Bulloo" jadhu dhageeffattan jachuun Barattoota kana erga hidhamanii booda. Yuuniversiitii irraa badii malee ari'uun gara maatiitti akka deebi'an godhaniiru! Murteen Yuuniversiitii badii malee Barattoota Oromoo irratti murteesse kun daba guddaadha. Akkasumaas yakka guddaadha. Hogganni Yuuniversiitii Dabri Dahar badii malee Barattoota kana hunda Barnoota irraa waan ariitaniif qoosaan akkasii hin hojjatu Barattoonni gara Yuuniversiitiitti deebi'anii barnoota isaanii akka hordofan godhaa! Qaamni dhimmi kun ilaalu hunda hatattamaan furmaata Barattoota kana kennuun Barattoonni kun Yuuniversiitiitti deebi'anii barnoota isaanii akka hordofaan godhuu qabu jannee gaafanna! Barreeffama kana Saffisaan Waliif Dabarsuun Barattoota Oromoo kanaaf sagalee ta'aaf!

haleellaa shororkeessummaa Burkinaa Faasootti raawwatame

Dura taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa haleellaa shororkeessummaa Burkinaa Faasootti raawwatame balaaleffatan.Dura taa’aan Koomishinii Gamtaa Afrikaa (AU) Muusaa Faakii Mahaamaat haleellaa shororkeessummaa Burkinaa Faasoo keessatti raawwatame balaaleffataniiru.Dura taa’aan kun tiwiitara isaanii irratti haleellaa shororkeesummaa Burkinaa Faasootti raawwatame balaaleffachuun maatii gadda irra gaheef, aangawoota, fi uummata Burkinaa Faasootiif jajjabina isaanii ibsaniiru.Mootummaan Burkinaa Faasoo Kibxata darbe akka ibsetti, dhuma torban darbee naannoo Burkinaa Faasoo Sahel komunii Seytenga irratti haleellaa raawwatameen lakkoofsi namoota du’anii 50 irraa gara 79tti ol guddachuu ibseera.Biyya Afriikaa Lixaa keessatti haleellaan namoota 1000 ol ta’an ajjeesuu fi namoota miiliyoona 1.9 ol ta’an qe’ee isaanii irraa buqqa’uu isaaniitiin bara 2015 irraa eegalee nageenyi Burkinaa Faasoo keessatti hammaateera

Badhaasa Muuziqaa Haacaaluu Hundeessaa

Badhaasni Muuziqaa Haacaaluu Hundeessaa Waxabajjii 22, 2014 akka gaggeeffamuu Faawundeshiniin Haacaaluu Hundeessaa beeksise.Faawundeeshinichi dhimmicha ilaalchisuun ibsa miidiyaaleef kenneera.Haati Warraa fi Miseensi Boordii Faawundeeshinii Haacaaluu Hundeessaa Faantuu Damissee, guyyaa Artisti Haacaaluun boqotee eegalee hanga Bitootessa 22, 2014’tti muuziqaawwan Afaan Oromoon hojjetaman kan waliin dorqomsiisan ta’uu himaniiru.Walaloo, Ciniimaatoogiraafii gaarii, weellistoota dhiiraa fi dubartootaan muuziqaawwan hojjetaman dorgommichaaf kan dhiyaatan ta’uun eerameera.Dorgommichi waggaa waggaan Waxabajjii 22 walitti fufinsaan akka gaggeeffamu ibsichaan eeramuu DhPI gabaase.

Oolmaa Oromiyaa fi Gambeellaa guyyaa har'aa!
  • Wallagga Dambii Doolloo, Najjoo, Gimbiitti fi aanoota hedduu keessatti Operation haaraan gaggeeffamaa oole.
  • Daandii guddichi (Highway) Dambii Doolloo irraa kaasee Finfinnee geessu Hanga Naqamteetti harka W40 ooe jadha odeessi ummata irraa arganne.
  • Gambeellaa Magaalaa gudditti dabalatee Magaaloota baay'ee irratti lolli gaggeeffamaa oole. Magaaloonni hedduun harka hidhattoota harka galaniiru!
  • Magaaloota Godinaalee Wallagga keessa jiran keessaa guyyaa har'aa Poolisii Federaalaa baqqachaa jiraachuun illeen hawaasa irraa mirkaneeffanne jirra.
  • Akka amma odeessa amma nu dhaqqabetti Humni Poolisii Federaalaa kan ganama gara magaalaa guddittii Gambeellaatti fi'aman magaalattii harkatti galfatan jadhamaa jira.
  • Poolisii Federaalaa Wallaggatti dhukkeetu irra ka'e Gambeellaatti immoo Injifannoo galmeessan jadhamee himama jira!
  • Operation haaraan Oromiyaa keessatti eegale jabaatee itti fufa jadhamaa jira!
Sirni awwaalcha Weellisaa Daawwit Naggaa raawwatame

Sirni awwaalcha Weellisaa Daawwit Naggaa raawwatameSirni Awwalchaa Weellisaa Daawwit Naggaa, har’a mana Amantaa Kiristiyaanaa Kaateediraalii Sillaaseetti bakka maatiin, firoottaan, hiriyoonnii fi dinqisiifattoonni isaa argamanitti raawwatameera.Weellisaa Daawwit Naggaa guyyoota muraasa dura (Waxabajjii 5, 2014) dhibee tasaa isa mudateen umurii isaa waggaa 34tti du'aan addunyaa kanarraa boqochuun isaa kan yaadatamuudha.