Sooreessa Addunyaa 1ffaa Jeef Beezoons

Seenaa namicha Addunyaa kanarraa qabeenyan tokkoffaa yeroo ammaa kana Bill Gaten caale gabaabsen siif hima."Abbaa fi haati koo ijoolluummaatti wal fuudhan. Ani mucaa ol adeemoo lama irraa dhalatedha. Abbaan koo maatii bulchuuf gahaa hin turre. Haadha koo waliin wal fuudhanii gaafa ji'a 17 wal hiikan. Haati koo dabartee nama kan biraatti heerumte. Hamman of baretti abbaa ormaa jala rafaan ture.Booda baadiyyaa gara akaakkayyuu koo deemeen hojii qonnaa isa gargaaraa dirree magariisa keessa fiigee taphachaan guddadhe. Beellada sooruu fi wallaanuun immoo hojii koo idilee ture.

yeroon M/barumsaa sad.2ffaa baradhu mana 'Burgerii' keessatti qacarameen daabboo tolchaan ture. Tarii kun namoota kaniif hojii salphaa fi gad aanaa fakkaachuu danda'a;anaaf garuu koollejjii leenjii ture.Waantota hojjennuuf bakki nuti keessatti hojjennu akka ilaalcha namootatti tuffatamaa,xiqqaa fi kan waa'ee hin baafne ta'u malu;garuu yoo haalaan hubannee ilaalle waan hedduu nu barsiisu.Barataa cimaan ture yeroon yuuniversiitii seene muummee Fiiziksii na ga'e. Hojii humnaa hojjechaa waanan baradhuf qayyabachuuf carraa hin arganne.kanaaf gaaffii tokko deebisuuf waanti barattoonni daqiiqaa tokkotti xumuran anatti sa'aatii sadii fudhata ture. Kana irraa ka'uun ani hayyuu Fiiziksii ta'uu hin danda'u jedheen murteesse.

Kana booda yaada koo gara kompiiter saayinsiittin deebise. Kompiiteran ergan eebbifamee dhaabbata garagaraa keessa hojjedheera booda waanti kunis akka nan baafnen hubadhe.Yeroo sana internetiin akka addunyaatti fudhatama guddaa argachaa waan dhufeef akkamitti akkan itti fayyadamun yaade.yaadni xiqqaan tokkos na keessa bule.innis kitaabota 'online' gurguruu ture.Kun bara 1994 dha ture kitaaba kanas 'Amazon' jedhee moggaaseen eegale. Yeroon ani jalqabu namni jabaadhu gaariidha,si baasa nan jedhen jiru. Persentiin 70 ol kufaatii koo odeessu turan.ani isaaniin hin dhaggeeffanne. Gurri koo abjuu koo isa na keessaa waccu sana dhaggeeffata.hojichis ittuma fufe.

Bara 1999 dhaabbatni xiqqaan hin yaadamne kun galii miliyeenaraan doolara naaf galchutti ka'eBaruma sana nama dhiibbaa fide jedhameen badhaafameAmma immoo sooressa addunyaa 1ffaa dha.Ani waantota armaan gadii kana hin jaaladhu "hin dandeessu, hin kufta, hin milkooftu, Ulfaataadha"Kana mannaajabaadhu waantichi cimaadha ati garuu hin dandeessa.Itti fufi, yaali! cimi! Namoota naan jedhanan jaaladha".jedhi.

philosophy

"Addunyaa tanarra kitaabonni miliyoonan lakkaa'aman jiru; garuu kan Mikaa'el Neeyimaa 'The book of mirdad' akka kitaabota kaanii kan barraa'e otoo hin ta'in akka uumama jiraataa tokkootti ulfaa'ee kan dhalateedha" Oshoo Hardha abbaa dubbii qolaa (abbaa ciigoo) hiriyaa Kaalil Jibraan kan ta'e Mikaa'el Neeyimaan (Mishaa) waliin wal isin barsiisa.Kaalil Jibraan hiriyaa isaa abbaa sookoo fi soorgoo kana "Mishaa" jedheetu waama.Mikaa'el Neeyimaa bara 1889 ALAtti bakka hardha Libaanos jedhamee waamamu tulluu Saaninitti dhalate. Yeroo Ameerikaa turetti Kaalil Jibraan fi barreessitoota Arabaa biroo faana ta'uudhan Waldaa Barreessitootaa "Rabixa-al-qalamiya" jedhamu keessa taa'ee barreessaa ture.

Waldicha keessatti Kaalil Jibraan perezedaantii  waldichaa yoo ta'u Mishaan ammoo itti aanaa ta'ee hojjeteera. Bara 1931 Kaalil Jibraal boqochuu isaa hordofuudhan Mikaa'el Neeyimaan biyya Ameerikaa waggaa 21f keessa jiraate gadi lakkisee deemsa deebii hin qabneen gara biyya dhaloota isaa Libaanositti deebi'e. Neeyimaan sanaan booda jireenya isaa biyya Libaanositti dabarsuudhan hanga dhukkuba Sombaatin qabamee addunyaa kanarraa boqotuutti kitaabota hedduu barreessaa kan ture yoo ta'u bara 1988tti addunyaa kanarraa boqote.Kitaabota isaa hedduu keessaa bara 1948 Libaanos keessatti kan maxxansiise "The book of Mirdad" kan jedhu kitaaba baay'ee jaalatamee fi hundarra caalee argameedha. "Hojii Kaalil Jibraan keessaa kan baay'ee namatti tolu yoo jiraate "The prophet" yoo ta'u filannoo namoota baay'eeti. Cancaluma kanaan kitaabota Neeyimaa keessaa Miirdaadin kitaaba Kaalil kana yoo caaluu hanqate qixa isaa akka ta'e nama hin shakkisiisu" jedhu dinqisiifattoonni fi maatin Ogbarruu addunyaa.

OSHOO "Addunyaa tanarra kitaabonni miliyoonan lakkaa'aman jiru; garuu kan Mikaa'el Neeyimaa 'The book of mirdad' akka kitaabota kaanii kan barraa'e otoo hin ta'in akka uumama jiraataa tokkootti ulfaa'ee kan dhalateedha" Kitaaba Oshoon ajaa'ibsiifate kana keessaa beekumsa dhokataa kan qabu qabiyyee  #Jaalala jedhu waliin haa ilaallu; itti dhiyaadhaa!Egaa Jaalalli heera waaqati. Hiikan jiraachuu keessanii akka jaalala barattaniifidha.Kan jaalattanis jiraachuu akka dandeessaniifi. Ilma namaafis kanaan ala barumsi kamiyyuu hin feesisu. Kanaafuu..... Mee jaalachuu'n hoo maal yaa ta'ukaa?Jaalataan jaalatamaa jaalalaan harkisee lamaanuu akka tokko taa'an gochuufi malee Garuu... Maalin yookin eenyun yaa ta'u jaalachuun?Amma baala muka jireenyaa  keessa tokko kan onneen filattee irratti jaalala roobsu kan maluuf ni ta'aa?

........Garuummoo......

Baala sana kan baase dameen mukaahoo?

Hiddii muka sana qabatee hoo?

Baalli, dameen, hundeen, hidda mukaa kana hunda kan soore jalli mukahoo?

Jala isaa kan haammate biyyeenoo?

Biyyee kan misoomse biiftun hoo?

Gaalanni ..... Qileensihoo?

Isin garuu; 

'damee muka tokkoorrayyuu baalota lakkawamanii hin dhumnetu jiru

Tokko dhukubsataa tokkommoo fayyaa

Kaan bareedaa kaan immoo fokkisaa

Kaan guddaa gariin immoo xinnaa

Filataanii jaalachuun hin barbachisu yeroo jettanin dhaga'ee?'

Ani garuu akkasin isiniin jedha

Ennaa baalli dhukkubsataan cooliguudha baalli inni fayyaan haaromuun isaa kan eegalu

Kanaafuu akkasin isiniin jedha ani

Fokkisuummaan bareedinaaf gaachana duuba isaati.

Maadallii gabatee gurraacha isaati.... 

Halluu kuula dibaa isaati "